Hojii odeeffannoo qulqulleessuu fi tumsa facaatii odeeffannoo sobaa hir’isuuf taasifamu

Daangaan mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu hagam ta’uu qaba?

Bitootessa 25, 2015

Guyyaan Idil-addunyaa Odeeffannoo Qulqulleessuu (International Fact Checking Day) kaleessa Bitootessa 24, 2015 kabajamee oolee jira.

Guyyaan kun gahee hojiin odeeffannoo qulqulleessuu/mirkaneessuu (fact checking) facaatii odeeffannoo sobaa ittisuu keessatti qabu akkasumas gumaacha namootni fi dhaabbileen hojicharratti bobba’an gama miidhaa odeeffannoon sobaa hir’isuutiin taasisan kan itti yaaadatamudha.

Ogeeyyiin damee hojii odeeffannoo qulqulleessuu baay’een yeroon ammaa kun yeroo kamiyyuu caalaa kan facaatiin odeeffannoo sobaa itti babal’achaa jiru ta’uu himu.

Kanaaf sababni tokko immoo misooma fi babal’achuu tekinoloojii qunnamtiiti. Tekinoloojiiwwan qunnamtii yeroo gara yerootti ammayyaa’aa fi kutaalee addunyaa garagaraa qaqqabaa jiran dhala namaaf bu’aalee heddu argamsiisanis miidhaawwan geesisaa jiranis salphaa miti.

Fakkeenyaaf tekinoloojiiwwan kunneen keessaa tokko kan ta’e intarneetiin addunyaarratti namootni biliyoonaan lakka’aman odeeffannoo waqtaawaa karaa salphaa fi saffisaa ta’een akka argatan taasisus namootni heddu immoo odeeffannoowwan sobaafii dogongoraaf akka saaxilaman taasiseera.

Facaatiin odeeffannoo sobaa fi dogongoraa immoo dimokiraasii, mirgoota namoomaa, nageenya, fayyaa, diinagdee akkasumas waliin jireenya hawaasaa irratti miidhaa kan qaqqabsiisudha.

Biyya keenya dabalatee biyyoota garagaraa keessattis facaatiin odeeffannoo sobaa fi dogongoraa namoota dhuunfaa, dhaabbilee akkasumas ol guddatee hawaasa irratti miidhaa yeroo geesisu ni mul’ata.

Haa ta’u malee baay’inni namoota fi dhaabbilee hojii odeeffannoo qulqulleessuu hojjechuun miidhaa odeeffannoon sobaa fi dogongoraa hawaasarraan gahaa jiru ittisuuf tumsan yeroo gara yerootti dabalaa akka jiru himamus gahaa miti.

Haa ta’u malee hojiin odeeffannoo qulqulleessuu biyyoota guddatan keessatti qofa beekamu tures yeroo ammaa biyyoota guddataa jiran heddu keessatti lafa qabachaa jira.

Networkiin Odeeffannoo Qulqulleessuu Idil-addunyaa (International Fact-Checking Network-IFCN) dhaabbilee biyyoota garagaraa keessatti hojii odeeffannoo qulqulleessuu hojjetan 100 ol ta’an of jalatti qabachuun tumsa facaatii odeeffannoo sobaafi dogongoraa ittisuuf taasifamu deeggara.

Biyya keenya keessattis dhaabbileen hojii odeeffannoo qulqulleessuu/mirkaneessuu hojjetan muraasa ta’anis odeeffannoo sobaa hir’isuu fi hawaasni odeeffannoo sirrii akka argatu gama gochuutiin sochii yemmuu taasisan mul’ata.

Haa ta’u malee Itoophiyaa dabalatee biyyoota heddu keessatti rakkoo tatamsa’ina odeeffannoo sobaan walbira qabamee yemmuu madaalamu lakkoofsi dhaabbilee odeeffannoo qulqulleessanii baay’ee xiqqaa akka ta’e ogeeyyiin himu.

Kana malees odeeffannoon sobaa fi dogongoraa tekinoloojiiwwan ammayyaan deegaramee bifa soba ta’uusaa tilmaamuun ulfaatun tamsa’u namoota odeeffannoo qulqulleessaniif qormaata cimaa ta’eera.

Dabalataan odeeffannoo sirrii fi yeroosaa eeggate qaamolee dhimmi ilaallaturraa argachuu dhabuun, dhiibbaa mootummoota fi gareelee garagaraan irratti taasifamu fi humni namaa xiqqaan qormaatawwan namoota fi dhaabbilee hojii odeeffannoo qulqulleessuu irratti bobba’an mudataa jiranidha.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::