Iddoowwan naannoo Amaaraa garagaraatti tajaajilli intarneetii (data) walakeessa torbee kanaa eegalee adda citeera

tekinooloojii

Adoolessa 28, 2015

  1. Iddoowwan naannoo Amaaraa heddutti walakeessa torbee kanaa eegalee tajaajilli intarneetii (data) adda cituusaa miidiyaaleen gabaasaniiru. Tajaajilli kun adda cituu kan danda’e sababa rakkoo nageenyaafi walitti bu’iinsa naannicha keessatti uumameen walqabatee ta’uu akka danda’us gabaasaaleen himaniiru. Dhimmichaan walqabatee dhaabbileen siiviikii biyya keessaafi alaa qeeqa isaanii kan dhageesisan yemmuu ta’u, Giddugalli Guddina Mirgootaafi Dimokiraasii (CARD) iddoowwan naannoo Amaaraa garagaraatti tajaajilli intarneetii adda cituusaa mirkaneeffachuusaa himeera. Dhaabbatichi “Tajaajila intarneetii adda kutuun /ugguruun/ walitti bu’iinsawwan ittisuufi nageenya itti fufiinsa qabu fiduuf hin fayyadu” jechuun uggurrichi akka ka’u waamicha dhiyeessera.
  1. Miidiyaan hawaasaa Eeks (X) kan duraan Tiwiitar jedhamuun waamamaa ture eenyummaa sirrii maamiltootasaa fayyadamtoota baajii cuquliisaa ta’anii mirkaneeffachuuf waraqaa eenyummaa gaafachuu eegaluuf akka ta’e himame. Gabaasni ‘social media today’ akka agarsiisutti Eeks hojimaata haaraa kana sadarkaa yaaliitti hojiirra oolchuu eegaleera. Hojimaata kanaanis fayyadamtootni baajii cuquliisaa waraqaa eenyummaa qaama mootummaarraa kennameef dhiyeessuu qabu jedhamera. Eeks kanaan dura tajaajila baajii cuquliisaa kanfaltiin fayyadamtootaaf dhiyeessuun isaa kan yaadatamu yemmuu ta’u, akkaawuntiiwwan sobaa heddu mallattoo mirkaneessa abbummaa kana bitachuun isaanii bal’inaan gabaafamaa tureera.
  1. Dhaabbatni Meta hojjettoota qabiyyeewwan miidhaa geesisan irratti hojjetan hir’isuun isaa tamsa’ina odeeffannoowwan sobaafi odeeffannoowwan miidhaa geesisaniif carraa uumee jira jedhame. Gabaasa dhaabbatni idil addunyaa Intarniwus jedhamufi misooma miidiyaa irratti hojjetu walakkeessa torbee kanaatti baasen, ‘tarkaanfii Metan fudhate gareen hojii qabiyyee hordofufi to’achuu hojjetu akka dadhabu taasiseera’ jedheera.

Odeeffannoowwan torbee kana dhiyeessinefi geessituuwwan Telegiraamaa isaanii:

– Ergaa Wiixataa keenyaan daangaan mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu maal ta’uu qaba mataduree jedhun barreeffama dhiyeessineerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2106

-Fuulawwan Feesbuukii “liqaa haala salphaan argadhaa” jechuun maxxansa qoodanis sakattaanerra:  https://t.me/ethiopiacheck/2107

-Haasaa pirezidaantiin Senegaal waa’ee Eertiraa dubbatani jechuun odeeffannoo miidiyaalee hawaasaarratti qoodames qulqulleessineerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2111

https://t.me/ethiopiacheck/2112

-Carraa Lootarii dijitaalaa Admaas ilaalchisees ibsa qaamolee dhimmichi ilaallatuu isinif qoodneerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2114

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::