Ispeen keessatti suuraawwan daa’imman qullaa hubannoo namtolchee (AI) fayyadamuun hojjetaman rifaatuu uuman

tekinooloojii

Fulbaana 18, 2016

  1. Dhaabbatni ‘X’ kan duraan Tiwiitara jedhamu tajaajilasaa odeeffannoowwan sobaa fi dogongoraa dhimma siyaasaan walqabatan ‘report’ itti godhan dhaabuu isaa Royitars gabaasee jira. Tajaajilichi keessattuu odeeffannoowwan sobaa fi dogongoraa dhimma filannoon walqabatan hordofuu fi to’achuuf yaadamee ALA bara 2022’tti ture hojiitti kan gale. Dhaabbatichi tajaajilicha maalif adda akka kute ibsa kan hin laanne akka ta’es gabaafameera.
  1. Mootummaan giddugaleessaa Hindii wixinee seeraa odeeffannoowwan sobaafi dogongoraa to’achuuf gargaaru qopheessaa akka jiru Hindustaan Taayims gabaasee jira. Seerri haaraan maqaan ‘Digital India Bill’ jedhamu kennameef kun Seera Odeeffannoofi Tekinooloojii waggoota 23 dura bahe kan bakka bu’u akka ta’es himameera. Seerichi odeeffannoowwan sobaa fi dogongoraan dabalataan gochaalee goyyomsuu gama intarneetaan raawwataman to’achuuf gargaara jedhameera.
  1. Magaalaa Ispeen kutaa Kibba biyyattiitti argamtu Almendiraaleho keessatti suuraaleen daa’imman qullaa hubannoo namtolcheen (AI) hojjetamanii miidiyaa hawaasaarratti qoodaman rifaatuu uumuu isaanii BBC’n gabaasee jira. Gochaan kun suuraa daa’imman uuffata uffatan hubannoo namtolcheen gulaaluun qaama qullaa itti ida’uun kan raawwatamedha. Suuraan daa’imman qaamni qullaan hubannoo namtolcheen itti dabalames miidiyaa hawaasaa isaaniirraa kan fudhatame akka ta’e gabaasicha keessatti eerameera. Hanga ammaatti daa’imman dubartootni lakkoofsaan 20 ta’an fi umriinsaanii wagga 11 hanga 17 gidduu jiru miidhamtoota gochaa kanaa ta’uunsaanii barameera. Poolosiinis dhimmicha qorachaa akka jiru himameera.

Odeeffannoowwan torbee kana keessa dhiyeessinefi geessituuwwan Telegiraamaa isaanii:

– Ergaa Wiixataa keenyaan gahee miidiyaaleen hawaasaa ijaarsa nagaa keessatti qaban ilaalchisee barreeffama isiniif qoodneerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2196

– Akkasumas viidiyoo ‘balaa ibiddaa Gondar keessatti uumame agarsiisa’ jechuun qoodames sakattaanerra

https://t.me/ethiopiacheck/2197

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::