Itoophiyaan sababa uggura intarneetiin galii Doolaara miliyoona 144.8 ol dhabuunshee himame

tekinooloojii

Waxabajjii 30, 2015

  1. Itoophiyaan intarneetii ugguruu isheetiin ALA Guraandhala 09 hanga dhuma ji’a Waxabajjii 2023 qofatti galii Doolaara miliyoona 144.8 ol dhabuunshee himame. Shallaggii kana kan hojjate dhaabbata dhiibbaa uggurri intarneetii diinagdeerratti qabu qorachuun beekamufi Intarneet Sosaayitii (Internet Society) jedhamu akka ta’e gabaasni gaazexaa Kaappitaal hima. Itoophiyaa keessatti Bitootessa 2015 eegalee mosaajiiwwan tajaajila miidiyaa hawaasaa laatan kunneen akka Feesbuukii, Yuutuubii, TikTok fi Telegram ugguramuun isaanii ni beekama.
  1. Dhaabbatni Meta miidiyaa hawaasaa Tiwiitar ni morkata jedhame guyyaa kaleessaa ifoomsera. Miidiyaan hawaasaa haaraan kun maqaa Treeds (Threads) jedhamu kan qabu yemmuu ta’u, Instagram waliin walitti hidhamiinsa kan qabudha. Hundeessaan Meta Maark Zukarbarg, kaayyoon moosaajii Threads waltajjii yaadaa ta’ee tajaajiluu akka ta’e himeera. Gama biraatiin abbaan qabeentaa Tiwiitar Iloon Mask, dhaabbata Meta icciitiiwwan daldalaafi mirgoota kalaqa sammuu hatuun akka himatu gama abukaatoo isaatiin beeksiseera.
  1. Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii UN sanada imaammataa haasaa jibbiinsaa gama inarneetiin tamsa’u ittisuufi furmaata itti barbaaduu dandeesisa jedhe walakkeessa torbee kanaatti ifoomseera. Sanadni imaammataa Waajjira Ittisa Sanyii Balleessuu Dhaabata Biyyoota Gamtoomaniin ifoome kun haasaa jibbiinsaa gama intarneetaan guutuu addunyaatti akkasumas biyyoota garagaraa keessatti tamsa’u ittisuufi furmaata itti barbaaduu keessatti gumaacha olaanaa qabaachuu danda’a jedhameera.

Odeeffannoowwan torbee kana keessa dhiyeessinefi geessituuwwan Telegiraamaa isaanii:

– Ergaa Wiixataa keenyaan tekinooloojiiwwan hubannoo nam-tolchee odeeffannoowwan sobaa adda baafachuuf gargaaran ilaalchisee barreeffama maxxansineerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2066

-Akkaawuntiiwwan sobaa TikTok maqaafi suuraa weellisaa Tewodiroos Kaasaahun fayyadamuun banamanis saaxilleerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2068

-Gosoota gibiraa taaksiiwwan fageenyarratti hundaa’uun tajaajila laatan (meter taxi) kanfalan ilaalchisees ibsa dhiyeessineerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2069

-Haasaa Mummeen Ministiraa Abiy Ahimad guddina diinagdee Itoophiyaa ilaalchisuun miseensota mana maree bakka bu’ootaaf taasisanis sakattaanerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2070

-Haala walfakkaatuun haasaa Mummeen Ministiraa Abiy, Faransaay keessatti intarneetiin adda cite ture jechuun dubbatanis qulqulleessineerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2072

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::