Keeniyaatti dhimma midhaan jiiniin isaanii mala nam-tolcheen fooyya’een walqabatee facaatiin odeeffannoo sobaa hammaachuu himame

tekinooloojii

Waxabajjii 02, 2015

  1. Keeniyaatti dhimma boqqoolloo jiiniin isaa mala namtolcheen fooyya’een walqabatee facaatiin odeeffannoo sobaa hammaachuu himame. Biyyattiin gogiinsa gaanfa Afriikaa mudateen walqabatee omisha akkasumas biyya alaatii galchuu sanyiiwwan midhaanii jiiniin isaanii mala namtolcheen fooyya’eerratti dhorkaa waggoota kudhaniif keessee turte bara darbe kaasunshee ni yaadatama. Haa ta’u malee murteen kun mormitoota siyaasaa biyyattii tokko tokko dabalatee mormii cimaa isa mudateen mana murtiin dhorkaan irra kaayamee tureera. Haa ta’u malee yeroo ammaatti dhimmicha ilaalchisee gama intarneetaanis ta’e hawaasa keessa facaatiin odeeffannoo sobaafi odeeffannoowwan dhugummaan isaanii hin mirkanoofnee daran dabaluu isaa AFPn gabaasera. ‘Midhaan jiiniin isaa mala namtolcheen fooyya’e saala namootaa jijjiiruu danda’a’ kan jedhu odeeffannoowwan sirrummaan isaanii saayinsiin hin mirkanoofnefi biyyattii keessa faca’aa jiran keessaa tokko akka ta’es himameera.
  1. Seraaliyoonitti facaatii odeeffannoowwan sobaafi haasaa jibbiinsaa ittisuuf marsariitiin iVerify jedhamu hojii eegale. Marsariitiin kun Waldaa Gaazexeessitootaa Seraaliyoon fi dhaabbata raadiyoo Indipendant Raadiyoo Neetwork (IRN) jedhamuun kan eegalchiifame yemmuu ta’u, tumsa facaatii odeeffannoo fayyaalessa uumuuf taasifamu kan deeggaru akka ta’e himameera. Odeeffannoon marsariitii UNDP irraa arganne akka mul’isutti marsariitiin kun filannoo biyyaalessaa Seraaliyoon ji’a kana keessa taasifturratti facaatii odeeffannoo sobaafi haasaa jibbiinsaa gama qolachuutiin iVerify gumaacha akka taasisu abdatameera. Dabalataan kutaalee hawaasaa intarneetii hin fayyadamne dhaqqabuuf immoo dhaabbatni raadiyoo Indipendant Raadiyoo Neetwork (IRN) filannoon walqabatee odeeffannoowwan mirkanaa’an dhiyeessaa akka jiru gabaasni UNDP hima.
  1. Dhaabbileen tekinoloojii qabiyyeewwan tekinoloojii hubannoo nam-tolcheen hojjetamanii qoodaman irratti mallattoo hubannoo nam-tolcheen hojjetamuu isaanii agarsiisu akka kaa’an gaafate. Gamtichi dhaabbileen tekinoloojii akka Guugil, Feesbuukii, Yuutuubii fi TikTok barreeffamoota, suuraalee akkasumas viidiyoowwan hubannoo namtolcheen hojjetamanirra mallattoo ifatti mul’atu akka kaayan gaafachuusaa Dooche Veeleen torbee kana keessa gabaasee jira. Tarkaanfiin kun tumsa gamtichi facaatii odeeffannoo sobaa hir’isuuf taasisaa jiru keessaa isa tokko ta’uunsaa himameera.

✅️ Odeeffannoowwan torbee kana keessa dhiyeessinefi geessituuwwan Telegiraamaa isaanii:

–   Ergaa Wiixataa keenyaan facaatii odeeffannoo sobaa gama hir’isuutiin gumaacha odeeffannoo waqtaawaa miidiyaaleef kennuun qabu xiinxallee jirra:

https://t.me/ethiopiacheck/2026

–    Akkasumas beeksisawwan bittaaf gurgurtaa iftoomina hinqabneen akka hin gowwomfamneef ofeeggannoowwan taasisuu qabnu ilaalchisees barreeffama Afaan Amaariffaan dhiyeessineerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2027

–     Dabalataan miidhaawwan suuraawwan dogongorsiisoo waqtii walitti bu’iinsaatti qoodaman qaqabsiisuu danda’an fi of-eeggannoowwan taasisuu qabnu ilaalchisees odeeffannoo qoodnerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2028

–      Akkasumas gaadidduuwwan sababa aduun uumaman xiinxaluun akkamiin iddoofi yeroo suuraan tokko itti ka’e beekuu akka dandeenyu ilaalchisees odeeffannoo viidiyoon deeggarame dhiyeessineerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2029

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::