Dambaliin jibbiinsaa Laayibeeriyaa keessatti hammaachaa dhufe isaan yaaddessuu dhaabbileen siiviikii biyyattii himan

tekinooloojii

Caamsaa 25, 2015

  1. Chaayinaan ji’oota sadan darbanitti maxxansawwan miidiyaalee hawaasaa irratti qoodaman miliyoona 1.4 fi akkaawuntiiwwan kuma 67 akka haqaman taasisuu Rooyitars gabaasee jira. Tarkaanficha kan fudhates Bulchiinsa Saayibar-Ispeesii Chaayinaa (Cyberspace Administration of China) yemmuu ta’u, maxxansawwan fi akkaawuntiiwwan haqaman kunneen odeeffannoowwan sobaafi dogongoraa tamsaasuu, maqaafi suuraa angawoota mootummaafi namoota biroo fayyadamuun akkaawuntiiwwan sobaa banuu akkasumas gochaalee birootiin yakkamanii akka ta’e gabaasichaan himameera. Dhaabbileen mirgoota namoomaaf falman garuu tarkaanfichi kaayyoo siyaasaa kan qabudha jechuun qeequun isaanis gabaafameera.2. Dhaabbatni Tiwiitar qabiyyeewwan doorsisa fi dhaadachuu ofkeessaa qabanfi miidiyaa hawaasichaarratti qoodaman akka to’atu paarlaamaan Neezarlaand gaafate. Doorsisawwan garagaraa miseensota mana marichaarratti akkeekan Tiwiitaratti fayyadamuun qoodamanillee dhaabbatichi tarkaanfii fudhachaa kan hin jirre ta’uu af-yaa’iin mana marichaa Vera Berkaamp xalayaa barreessaniin komataniiru. Ministirri Faayinaansii biyyattii sababa doorsisa gama Tiwiitaraan irratti qaqqabaa jiruun siyaasa keessaa bahuuf murteessuu isaanii torbee tokkoon dura beeksisanii turan.

    3. Dambaliin jibbiinsaa Laayibeeriyaa keessatti hammaachaa dhufe isaan yaaddessuu dhaabbileen siiviikii biyyattii himaa jiru. Dhaabbatni ‘Naymote Partners for Democratic Development’ jedhamu dambaliin jibbiinsaa guddachaa dhufe filannoo biyyattiin Onkololeessa itti aanutti adeemsisuuf jettuuf yaaddoo uumuu ibseera. Keessattuu mootummaan biyyattiifi paartileen morkattootaa ibsawwan jibbiinsa hammeessan kennuurraa akka of qusatan dhaabbatichi waamicha dhiyeessee jira.

    Odeeffannoowwan torbee kana keessa dhiyeessinefi geessituu Telegiraamaa isaanii:

    – Ergaa Wiixataa keenyaan gumaacha odeeffannoo waqtaawaa miidiyaaleef kennuun gama facaatii odeeffannoo sobaa hir’isuutin qabu xiinxalleerra:

    https://t.me/ethiopiacheck/2018

    – Akkasumas odeeffannoo sobaa maqaa Baankii Daldalaa Itoophiyaatti fayyadamuun gochaa goyyomsuu raawwachuuf qoodamaa jiru ilaalchisees odeeffannoo qoodnee jirra:

    https://t.me/ethiopiacheck/2019

    – Chaanalii Telegiraamaa maqaafi suuraa Televizhiinii Tigraay fayyadamuun banames saaxilleera:

    https://t.me/ethiopiacheck/2020

    – Mallattoolee odeeffannoo sobaa fi maloota odeeffannoowwan sobaaf akka hin saaxilamne nu gargaaran ilaalchisees Afaan Oromootin barreeffama qoodnerra:

    https://t.me/ethiopiacheck/2021

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::