Dhimmoota geessituuwwan shakkisiisoo tibbana baay’inaan qoodamaa jiran ilaalchisee beekuu qabnu

geessituu

Mudde 1, 2016

Tibbana geessituuwwan (links) shakkisiisoo gama miidiyaalee hawaasaa garagaraan qoodaman baay’inaan argaa jirra.

Geessituuwwan kunneen keessattuu gama moosaajiiwwan ergaa saffisaa daddabarsan kan akka Telegiraama fi Whatsapp irratti baay’inaan qoodamaa jiru.

Geessituuwwan gama Telegiraamaan qoodamaa jiran kunneen barreeffamoota namoonni akka cuqaasan kakaasan ofirraa kan qabanidha.

“Kan suuraa kanarratti mul’atu si’idhaa? Viidiyoon kana ilaaluu qabda, Taatee gaddisiisaa biyya keenyatti uumame kana ilaali” kan jedhanfii barreeffamoota qalbii dubbistootaa hawwatan biroo ofirraa kan qaban akka ta’es ilaallee jirra.

Sakattaa Itoophiyaa Cheek geessituuwwan kunneen keessaa muraasarratti taasiseen, geesituuwwan odeeffannoo keenya hatuun miidhaa geesisuu danda’an akka jiran mirkaneeffateera.

Geessituuwwan shakkisiisoo moosaajiiwwan bilbiloota fi kompitaroota keenyarratti miidhaa geesisuu danda’an akka fe’aman gochuun dabalataan odeeffannoowwan bilbilbilootafi kompitaroota keessaa qabnu akka hatamanis sababa ta’uu danda’u.

Kanaafis geessituuwwan nagummaan isaanii hin mirkanoofnefii shakkisiisoo ta’an cuqaasnee banuu keenyaan dura of eeggannoo gochuun barbaachisaadha.

Maloonni geessituun tokko sirrii yookiin immoo hamaa ta’uusaa ittiin beeknu heddu kan jiran yemmuu ta’u, isaan keessaa inni tokko marsariitiiwwan sirrummaa yookiin nagummaa geessituuwwanii sakatta’uuf gargaaran (link checkers) fayyadamuudha.

Marsariitiiwwan nagummaa geessituu sakatta’uuf fayyadan heddutu jiru. Isaan keessaa ‘Norton SafeWeb, Google Transparency Report fi Kaspersky Threat Intelligence Portal’ isaan muraasa.

Marsariitiiwwan kunneen fayyadamuun geessituu sakatta’uuf dursa marsariitiiwwan kunneen banuu qabna. Itti aansunis geessituu nutti ergame osoo hin banin ‘copy’ gochuun gara marsariitiiwwan kunneen galchuun (paste) akka nuuf sakatta’an cuqaasna.

Isaanis geessituu galchine sakatta’uun geessituu sirrii ta’uufii dhabuusaa nutti himu.

Gama biraatiin dogongoraan miidhaasaa osoo hinbeekiin yookiin akka tasaa geessituuwwan shakkisiisoo nutti ergaman cuqaasuu dandeenya.

Haala kana keessattis miidhaa nurratti qaqqabuu danda’u hir’isuuf yookiin immoo odeeffannoowwan keenya akka hin saamamneef tarkaanfilee fudhachuu qabnu ni jiru.

Isaan keessaa inni tokko odeeffannoowwan dhuunfaa keenya marsariitii geessituuwwan shakkisiisoo keessa galchuu dhiisuudha. Haaluma kanaan odeeffannoowwan keenya akka imeelii, guyyaa dhalootaa, maqaa itti fayyadamaa (username) fi lakkoofsa icciitii (password) galchuurraa of qusachuu qabna.

Kana malees wantoota marsariitii geessituuwwan shakkisiisoorra cuqaasuu dhiisuufii intarneeta keenya cufuun ni gorfama.

Dabalataan moosaajii farra vaayirasii (Antivirus) bilbila yookiin kompiitara keenyarra jiru banuun bilbilaafii kompitarri keenya vaayirasiin miidhamuusaa sakatta’uu qabna.

Dhumarrattis imeelii akkasumas akkaawuntiiwwanfii chaanaliiwwan miidiyaalee hawaasaa keenya keessa seenuun wanti shakkisiisaan haaraan jiraachuusaa ilaaluun barbaachisaadha.

Miidhaa geessituuwwan shakkisiisoo qaqqabsiisanfii tarkaanfilee of eeggannoo fuhachuu dandeenyu ilaalchisee caalmaatti baruuf viidiyoo Itoophiyaa Cheek qopheesse kana yaa mil’annu: https://t.me/ethiopiacheck/1719