Odeeffannoowwan sobaa Yuutuubii irratti tamsa’an akkamiin adda baafachuu dandeenya?

Odeeffannoowwan sobaa Yuutuubii irratti tamsa’an akkamiin adda baafachuu dandeenya?

Onkololeessa 5, 2016

Yuutuubiin miidiyaalee hawaasaa facaatiin odeeffannoowwan sobaafi dogongoraa akkasumas haasaan jibbiinsaa baay’inaan itti mul’atu keessaa tokkodha.

Namootni fi gareeleen tokko tokko qalbii daawwattootaa hawwachuun maallaqa argachuuf, namoota burjaajessuuf akkasumas kaayyoo dhuunfaa isaanii galmaan gahachuuf jecha odeeffannoowwan sobaafi dogongoraa Yuutuubii irratti tamsaasu.

Kanaafis odeeffannoowwan sobaa Yuutuubii irratti qoodamaniif akka hin saaxilamneef qabiyyeewwan Yuutuubii irratti agarru haalaan xiinxaluufi sirrii ta’uu isaanii mirkaneeffachuun barbaachisaadha.

Malootni odeeffannoon Yuutuubii irratti qoodame tokkoo sirrii ta’uusaa baruuf nugargaaran kan jiran yemmuu ta’u, isaan keessaa inni tokko madda odeeffannichaa qorachuudha.

Kunis chaanaliin ykn toorri Yuutuubii viidiyicha qoode hagam amanamaa akka ta’e sakatta’uu jechuudha. Chaanalichi kan miidiyaa odeeffannoo madaalawaa gabaasuun beekamu, dhaabbilee barnootaa akkasumas kan qabiyyee uumtota amanamoo ta’an yoo ta’e odeeffannichi amanamaa ta’uu danda’a.

Chaanalichi kanaan dura odeeffannoowwan dhugummaan isaanii hin mirkanoofne qooduun kan beekamu yoo ta’e garuu odeeffannicha shakkuun barbaachisaadha.

Malli odeeffannoowwan sobaa Yuutuubii irratti qoodaman adda baafachuuf nugargaaru inni biraan immoo mataduree viidiyichaa fi suuraa fuullee irra jiru (thumbnail) xiinxaluudha.

Yeroo baay’ee kunneen odeeffannoo sobaafi dogongoraa tamsaasan viidiyoo isaaniif mataduree fi suuraa fuullee (thumbnail) dogongoraafi qabiyyee viidiyicha keessa jiruun hidhata hin qabne fayyadamu.

Kunis namootni matadureefi suuraa fulleetti mul’atuun hawwatamanii vidiyicha akka cuqaasan kakkaasuu kan kaayyeffatedha.

Qabiyyee viidiyoo Yuutuubii keessa jiru haalaan xiinxaluunis maloota odeeffannoowwan sobaa Yuutuubii irratti qoodaman adda baafachuuf nugargaaran keessaa isa biraati.

Viidiyicha keessatti odeeffannoowwan walfaallessan kan jiran yoo ta’e, dhimmi tokko akka malee arbeeffamee kan dhiyaate yoo ta’e fi suuraaleen gulaalaman keessa kan jiran yoo ta’e odeeffannicha shakkuun barbaachisaadha.

Kana malees itti fayyadamni afaanii viidiyicha keessa jiru miiraan kan guutame akkasumas miira namootaa kakaasuu fi sodaa uumuu irratti kan xiyyeeffate yoo ta’es dhugummaa odeeffannichaa shakkuun barbaachisaadha.

Dabalataan odeeffannoowwan viidiyicha keessatti dhiyaatan maddoota odeeffannoo amanamoo birootiin gabaafamuusaanii sakatta’uun odeeffannoo sobaafi dogongoraaf akka hin saaxilamne nugargaara.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::