Dhaabbatni Meta gochaalee jeeqan ilaalchisee gabaasa kurmaana waggaa ifoomse

META removed the official Facebook pages of General Mohamed Dagalo and the Rapid Force

Caamsaa 04, 2015

  1. Dhaabbatni Meta gabaasa gochaalee jeeqanii (Adversarial Threats Report) kan kurmaana tokkoffaa bara faranjootaa 2023 ifa godheera. Gabaasichi gochaalee jeequmsaa Feesbuukii, Inistaagiraamii fi Waatsaappii irratti mul’atan kan ofkeessatti qabate yemmuu ta’u gochaaleen burjaajessuu/goyyomsuu, dhiibaa uumuu fi odeeffannoo sobaa tamsaasuu bal’inaan mul’achuu isaanii gabaasicharratti eerameera. Kunneen gochaalee burjaajessuu raawwatanis tekinoloojii hubannoo namtolchee kan fayyadaman fakkeessuun akkaawuntiiwwan kiyyeeffatan akka burjaajessan gabaasichaan himameera. Motummootni immoo haala qindaa’een dhiibbaa uumuuf yaalii taasisuun isaanis eerameera. Akkasumas facaatiin odeeffannoo sobaa dhaabbilee qacaramaniin raawwatamu bal’inaan mul’achuunsaas himameera. Gochaalee jeequmsaa raawwachuuf akkaawuntiiwwan sobaa adda durummaan faayidaarra akka oolan kan himu gabaasni Meta, fakkeenyawwan fi tarkaanfilee dhaabbatichi fudhates of keessatti qabateera.
  1. Dhaabbatni Guugil tekinoloojii suuraalee hubannoo namtolcheen (Artificial Intelligence) hojjetaman adda baasuu danda’u hojiirra oolchuuf akka ta’e beeksise. Tekinoloojiin kun suuraalee hubannoo namtolcheen hojjetaman irratti barreeffama “hubannoo namtolcheen kan hojjetame” (AI Generated) jedhu kan mul’isudha jedhameera. Dabalataan tajaajilli kun suuraawwan Guugilin fe’aman haalaan hubachuu kan dandeesisu fi suuraan tokko yoom fi eessatti yeroo jalqabaaf akka maxxanfame/fe’ame ofeeffannoo kan laatudha jedhameera. Tajaajilicha argachuuf mallattoo tuqaalee sadi harka mirgaa suurichaatti argaman cuqaasuu yookiin Guugil Leens (Google Lens) fayyadamuun barbaaduu qabna. Tajaajilli kun ji’oota itti aananitti Ameerikaa keessatti hojiirra ooluu kan eegalu yemmuu ta’u itti aansunis hundaaf banaa akka ta’u Guugil beeksiseera.
  1. Tiwiitar hoji gaggeessaa haaraa muuduuf akka ta’e beeksise. Abbaan qabeenyaa Tiwiitar fi yeroo ammaa dhaabbaticha hogganaa kan jiru Iloon Mask hoji gaggeessituu haaraa akka muudu beeksisee jira. Hoji gaggeessituun haaraan torbeewwan jahan dhufan keessatti hojii akka eegaltus Iloon Mask beeksiseera. Tiwiitar Iloon Maskin hogganamuu erga eegalee as miidiyiaa hawaasichaarratti haasaawwan jibbiinsaa bal’inaan mul’achuu isaanii ogeeyyiin himaa turaniiru.

✅️ Odeeffannoowwan torbee kana keessa dhiyeessinefi geessituuwwan Telegiraamaa isaanii:

– Ergaa Wiixataa keenyaan Guyyaa Pireesii Addunyaan walqabatee walitti dhufeenya yaada ofii bilisaan ibsachuufi facaatii odeeffannoo sobaa gidduu jiru xiinxalleerra:

https://t.me/ethiopiacheck/1996

– Akkasumas suuraa bifa nama dogongorsuun qoodames sakattaanerra:

https://t.me/ethiopiacheck/1998

– Odeeffannoo sobaa “barnootni Afaan Oromoo manneen barnootaa naannoo Tigraay hunda keessatti barsiifamuu eegaluufi” jechuun dhiyaates saaxilleerra:

https://t.me/ethiopiacheck/1999

https://t.me/ethiopiacheck/2000

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::