Meta’n fuula Feesbuukii Ajajaa Humna Deeggarsa Saffisaa Sudaan (RSF) Jeneraal Mahaammad Dagaaloo ugguruu beeksise

META removed the official Facebook pages of General Mohamed Dagalo and the Rapid Force

Hagayya 12, 2015

  1. Dhaabbatni Meta fuulawwan Feesbuukii Ajajaa Humna Deeggarsa Saffisaa Sudaan (RSF) Jeneraal Mahaammad Dagaaloo akkasumas kan garichaa ugguruu beeksise. Tarkaanfiin kun imaammata Feesbuukii fuulawwan fi akkaawuntiiwwan Feesbuukii gareeleefi namoota hamoo ugguru bu’uura godhachuun kan fudhatame akka ta’e himameera. Meta’n fuulawwan Feesbuukii lamaaniin dabalataan fuulawwan Feesbuukii Humna Deeggarsa Saffisaa Sudaan waliin hidhata qabu jedhe kunneen biroo ugguruusaas beeksiseera.
  1. Yuutuubiin odeeffannoowwan sobaa dhimma fayyaan walqabatan ittisuuf fooyya’iinsa imaammataa taasisuu beeksise. Akkaataa imaammata fooyya’e kanaan dhaabbatichi qabiyyeewwan dhimma fayyaa qajeelfamoota Dhaabbata Fayyaa Addunyaa akkasumas biyyootaan wal faallessan ni haqa. Fooyya’iinsa imaammataa kanaan qabiyeewwan ittisafi yaala dhibeewwan irratti xiyyeeffatan irratti to’annoon cimaan ni taasifamas jedhameera. Guyyoota itti aananittis odeeffnnoowwan sobaa dhibee kaansariin walqabatee Yuutuubii irratti qoodaman akka haqamanis himameera.
  1. Paarlaamaan Keeniyaa iyyannoo miidiyaan hawaasaa TikTok yaa ugguramuu jechuun dhiyaateef Kibxata darbe ilaaluusaa miidiyaaleen biyyattii gabaasanii jiru. Iyyannoon mana marichaaf dhiyaate qabiyyeewwan TikTok irratti qoodaman duudhaalee aadaafi amantaa hawaasa biyyattii kan miidhan ta’uusaa kan ibsu akka ta’e himameera. Miseensotni mana marichaa iyyannoo dhiyaaterratti falmii cimaa kan taasisan yemmuu ta’u, Af-yaa’iin Mana Marichaa Mosas Waantaangulaa, viidiyoowwan TikTok irratti qoodaman safuu hawaasaa kan cabsan akkasumas hookkarafi jeequmsa kan leellisan ta’uusaanii himuun iyyannicha kan deeggaran ta’uu dubbataniiru. Manni Marichaa iyyannoo dhiyaaterratti yeroo dhiyootti murtee kan laatu akka ta’es himameera.

Odeeffannoowwan torbee kana keessa dhiyeessinefi geessituuwwan Telegiraamaa isaanii:

– Ergaa Wiixataa keenyaan waliin dubbiiwwan miidhaa geesisanfi gama miidiyaalee hawaasaatin taasifaman irratti afaan Tigriffaan odeeffannoo dhiyeessineerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2131

-Fuula Feesbuukii sobaa maqaa Jeneraal Tsaadqaan G/Tinsaa’een banames saaxilleerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2133

-Suuraawwan meeshaalee waraanaa walitti bu’iinsa tibbana naannoo Amaaraatti uumameen walqabatee to’annoo jala oolan agarsiisu jechuun qoodamanis sakattaanerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2135

– Fuula Feesbuukii sobaa maqaa Obbo Getaachoo Raddaan banames saaxilleerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2136

-Gochaa goyyomsuu maqaa Telebirr fayyadamuun gama miidiyaa hawaasaa Telegiraamin raawwatamaa jiru ilaalchisees odeeffannoo dhiyeessineerra: https://t.me/ethiopiacheck/2138

-Xalayaa sobaa ‘ergaa weellisaa Teedii Afroo dabarse’ jechuun miidiyaa hawaasaarratti qoodames saaxilleerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2139

-Viidiyoo walitti bu’iinsa tibbana naannoo Amaaraatti uumameen walqabatee qoodames sakattaanerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2141

https://t.me/ethiopiacheck/2142

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::