Maloota odeeffannoowwan sobaa adda baafachuuf nu gargaaran
Caamsaa 22, 2015
Jiruu guyyuu keenya keessatti odeeffannoowwan sobaa miidiyaalee hawaasaarratti, miidiyaalee idileerraa akkasumas afaaniin namootarraa dhagahuu dandeenya.
Odeeffannoowwan sobaa kunneen ta’e jedhamee burjaajii uumuuf kan tamsa’an yookiin immoo osoo hin beekiin dogongoraan kan tamsa’an ta’uu danda’u.
Kaayyoon odeeffannichaa kunneen keessaa kamiyyuu yoo ta’ellee miidhaa sababa odeeffannichaan dhufuu danda’uuf akka hin saaxilamneef of eeggannoo gochuun barbaachisaadha.
Kanaaf odeeffannoo sobaaf akka hin saaxilamneef maal gochuu dandeenya?
Jalqaba mallattoolee odeeffannoo sobaa keessaa muraasa yaa ilaallu:
- Arbeeffamee kan dhiyaate: namootni yookiin gareeleen odeeffannoo sobaa tamsaasan odeeffannoon isaanii qalbii dubbistootaa ykn dhaggeeffattootaa akka hawwatuuf dhimmicha akka malee arbeessanii dhiyeessu. Akka fakkeenyaattis barreeffamoota ykn viidiyoowwan miidiyaalee hawaasaa irratti qoodanif matadureewwan cuqaasa adamsan fayyadamu.
- Miira namaarratti kan akeeke: odeeffannoowwan sobaa baay’een namoota biratti miirawwan garagaraa akka uumanitti qixeeffamanii qoodamu. Miirri kun sodaa, yaaddoo, gadda akkasumas aarii ta’uu danda’a.
- Ragaa kan hin qabne: odeeffannoowwan sobaa tamsa’an ragaa qabatamaa mirkanaa’uu danda’u hin qaban.
- Itti fayyadama afaanii loogii qabu ykn dogongorsiisaa ta’e: Odeeffannoowwan sobaa yeroo baay’ee bifa garee yookiin nama tokko irratti loogii qabuun dhiyaatu. Kana malees bifa dogongorsiisaa ta’eenis qoodamu.
- Madda kan hin qabne: odeeffannoowwan sobaa baay’een bifa mirkaneessuun hin danda’amneen qoodamu. Kunis maddi odeeffannichaa eenyu akka ta’e osoo hin eerin qoodamu.
Akkamiin odeeffannoowwan sobaarraa of eeguu dandeenya?
Dhugummaa ykn sirrii ta’uu odeeffannoo tokkoo yoo shakkine odeeffannoo sana ofitti fudhachuu fi namoota biroof qooduu keenyaan dura of eeggannoo gochuu fi qorannoo dhuunfaa keenyaa taasisuu qabna.
Tarkaanfilee fudhachuu dandeenyu muraasa:
- Madda odeeffannichaa sakatta’uu: odeeffannoon shakkisiisaa agarre madda amanamaa ta’erraa hin qoodamne taanaan waa’ee nama ykn dhaabbata odeeffannicha qoodee qorachuun barbaachisaadha. Kana males odeeffannoowwan nama ykn dhaabbatichaan kanaan dura qoodaman mil’achuunis faayidaa qabeessa.
- Odeeffannichi eenyufaan akka qoodame ilaaluu: odeeffannichi miidiyaalee fi maddoota odeeffannoo amanamoo birootiin qoodamuu isaa mirkaneeffachuun barbaachisaadha.
- Ragaawwan dhiyaatan qorachuu: odeeffannoon dhageenye yookiin dubbifne ragaa qabatamaan kan deeggarame ta’uusaa mirkaneeffachuun odeeffannoo sobaa fi dogongoraaf akka hin saaxilamne nu gargaara.
- Odeeffannoo dhiyaate moosaajiiwwanitti fayyadamuun qorachuu: yeroo ammaatti moosaajiiwwan suuraawwan fi viidiyoowwan kanaan dura eenyu fi maalif akka qoodaman beekuuf nu gargaaran heddutu jiru. Kanaafis odeeffannoowwan shakkisiisoo bifa suuraa fi viidiyoon qoodaman moosaajiiwwan kunneenitti fayyadamuun sakatta’uun ni gorfama. Suuraa sakatta’uuf moosaajiiwwan/marsariitiiwwan akka Google reverse image search, Yandex, Bing fi TinEye fayyadamuu dandeenya. Viidiyoo sakatta’uuf/qorachuuf immoo mosaajii InVID kompiitara keenyarratti fe’uun fayyadamuu dandeenya.
ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ
ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::