Suuraaleen kunneen marii nagaa Mootummaa Federaalaa fi WBO gidduutti adeemaa jirurratti kan kaafaman miti

These photos were not taken during the ongoing peace talks between the Federal Government and the WBO

Sadaasa 2, 2016

Tibbana suuraaleen garagaraa marii nagaa Mootummaa Federaalaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti Taanzaaniyaa Magaalaa Daar es Salaamitti taasifamaa jiru ‘agarsiisu’ jechuun miidiyaalee hawaasaarratti qoodamaa jiru.

Suuraaleen kunneen keessattuu Feesbuukii fi TikTok irratti bal’inaan qoodamaa kan jiran yemmuu ta’u, fayyadamtoota miidiyaalee hawaasaa heddu odeeffannoo dogongoraaf saaxilaa jiraachuu hubanneerra.

Suuraalee kunneen keessaa tokko suuraa Ministirri Mummee Dr. Abiy Ahimad fi Ajajaan Waliigalaa WBO Kumsaa Dirribaa (Jaal Marroo) iddoo tokko taa’anii yemmuu mari’atan agarsiisuudha.

Haa ta’u malee suuraan kun dogongora fi kan gulaalame (doctored image) dha. Suurichi marii MM Dr. Abiy, Pirezidaantii Sudaan Kibbaa Saalvaa Kir Mayaardit waliin ALI Hagayya 1 bara 2015 Finfinneetti taasisan irratti kan kaafamedha.

Suuraan Kumsaa Dirribaa (Jaal Marroo) fi alaabaan WBO’s gulaalliidhaan (editing) kan dabalame akka ta’e mirkaneeffaneerra. Suuraan inni sirriinis geessituu kanaan argama: https://www.facebook.com/100044183688553/posts/pfbid02Uey4JyXabBMPtzkycqkmuwjoZp7cQ925ZSCSci7d2GAys8DWxuTgQJE4KousTjkl/?mibextid=cr9u03

Bifa walfakkaatuun suuraan namoota lakkoofsaan baay’ee ta’anfi kutaa tokko keessatti mariirra jiran agarsiisus marii Taanzaaniyaa magaalaa Daar es Salaam taa’amaa jirurratti kan kaafame miti.

Suurichis suuraa qondaaltota biyyoota biraa kan alaabaan Itoophiyaa fi WBO gulaalliin itti ida’amedha.

Suurichi ALA Mudde bara 2021 waayita Pirezidaantiin Keeniyaa yeroo sanaa Uhuruu Keniyaattaa fi jiilli isaanii gara Taanzaaniyaa imaluun pirezidaantii biyyattii Saamiyaa Suluhuu Hasan waliin marii taasisanitti kan kaafame akka ta’es mirkaneeffanneerra.

Suuraan inni sirriis Barruu Diplomaasii Ministeera Dhimma Alaa Keeniyaa kana https://mfa.go.ke/wp-content/uploads/2022/03/019-Diplomacy-Enewsletter-Jan-2022-1-1.pdf keessatti argama.

Suuraaleen dhugummaa hinqabnefi gulaalamanii (tolfamanii) dhiyaatan odeeffannoo sobaafi dogongoraaf nusaaxiluu waan danda’aniif amannee ofitti fudhachuu akkasumas deebisnee qooduu keenyaan dura ofeeggannoo yaa taasifnu.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::