Haleellaa fi qoccollaa gama intarneetaan dubartoota irratti raawwatamu: rakkoo jabana kanaa tumsa hawaasa bal’aa gaafatu

Daangaan mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu hagam ta’uu qaba?

Bitooteessa 04, 2015

Seenaa keessatti qaamolee hawaasaa miidhaawwan odeeffannoo sobaaf baay’inaan saaxilamanii turan keessaa tokko dubartoota akka ta’an ragaaleen agarsiisu.

Odeeffannoowwan sobaa dubartoota irratti xiyyeeffachuun tamsa’an, dandeettii fi amanamummaa dubartootni qaban xiqqeessuu dabalataan hirmaannaa dhimmoota siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa irratti qaban daangeessuu kan kaayyeeffatanidha.

Sababa kanaanis biyyoota heddu keessatti hirmaannaan dubartootni dhimmoota hawaas-diinagdee fi siyaasaa keessatti qaban yeroo dheeraaf gadi aanaa ta’eera.

Hawaasawwan baay’ee biratti gaheen isaaniis hojiilee mana keessaa qofaan akka daangeffamu ta’eera.

Rakkooleen kunneen ammallee kutaalee addunyaa garagaraa keessa jiraatanis dubartootni rakkoo haaraa tekinoloojiin deeggarameef saaxilamaa jiraachuu falmitootni mirgoota namoomaa fi dhaabbileen idil addunyaa himu.

Kunis odeeffannoo sobaa, haasaa jibbiinsaa, haleellaa fi qoccollaa saalaa gama intarneetaan (online) dubartoota irratti raawwatamudha.

Dhimmootni kunneen gochaalee akka dubartoota arrabsuu, sodaachisuu, xiqqeessuu, irratti qoosuu, hordofuu akkasumas miidhaa qaamaa qaqqabsiisuu, dirqiin gudeeduu fi lubbuu isaanii irratti tarkaanfii fudhachuuf dhaadachuu of keessatti qabatu.

Gabaasni Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii bara faranjootaa 2022 keessa baase haleellaa fi qoccollaan saalaa gama intarneetaan dubartoota irratti raawwatamu: fayyaa xinsammuu akkasumas hirmaannaa diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa dubartootaa irratti miidhaa hammaataa kan qabu ta’uu hima https://www.unwomen.org/sites/default/files/2022-10/Accelerating-efforts-to-tackle-online-and-technology-facilitated-violence-against-women-and-girls-en_0.pdf

Dhaabbatichi qorannoo biyyoota gammoojjii Sahaaraa gadii shan keessatti adeemsifameen dubartoota qorannicharratti hirmaatan keessaa dhibbeentaa 28 kan ta’an haleellaa fi qoccollaa gama intarneetaan raawwatamuuf saaxilamuu hima.

Rakkoon kun keessattuu dubartoota beekamoo ta’an, gaazexeessitoota, falmitoota mirgoota namoomaa, shamarran fi dubartoota baqattoota irratti bal’inaan kan mul’atu akka ta’es qorannoon UN agarsiisa.

Haleellaa fi qoccollaan saalaa dubartootaa gama intarneetaan raawwatamu dubartootni haleellaa qaamaaf akka saaxilamaniif ka’umsa yeroo ta’u mul’ata.

Kana malees rakkoo xinsammuu kan akka dhidhiphachuu, gadi bu’uu ofitti amantummaa hanga lubbuu ofiirratti tarkaanfii fudhachuutti gahan qaqqabsiisuu akka danda’u gabaasni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii hima.

Kun immoo dubartootni gahee hawaasa keessatti bahachuu qaban akka hin bahanne gochuun dabalataan miidhaan guutuu hawaasa irratti qabu olaanaa dha.

Haa ta’u malee hojimaatni seeraa dubartoota rakkoo kana irraa ittisuu danda’u biyyoota heddu keessatti hojirra kan hin oolle ta’uun immoo rakkinichi caalmaatti akka babal’atu fi hammaatu taasisaa jiraachuu falmitootni mirgoota namoomaa himu.

Kana malees gaheen dhaabbileen miidiyaa hawaasaa fi tekinoloojii rakkoo kana gama to’achuu fi furmaata itti gochuutiin bahachaa jiranis xiqqaadha.

Kanaafis odeeffannoo sobaa, haleellaa fi qoccollaan saalaa gama intarneetaan dubartoota irratti raawwatamu rakkoo tumsa qaamolee garagaraa gaafatu ta’eera.

Mootummootni, dhaabbileen tekinoloojii, waldaaleen siiviilii fi dhaabbileen mirgoota dubartootaa irratti hojjetan qindoominaan hojjechuu akka qaban kan himu UN, rakkinicha seera yakkaa isaanii keessa galchuun kunneen yakkicha raawwatan seeraan akka gaafataman gochuu qabu jedha.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::