Odeeffannoowwan sobaa moosaajiiwwan ergaa saffisaa daddabarsan irratti qoodaman irraa of yaa eegnu!

Concerns raised by digital attacks and preventive measures to be taken

Waxabajjii 19, 2015

Yeroo gara yerootti gosti fi lakkoofsi moosaajiiwwan ergaawwan dhuunfaa bifa saffisaa ta’een waliif qooduuf gargaaran dabalaa jira.

Itoophiyaa keessattis moosaajiiwwan ergaa dhuunfaa waliif qooduuf gargaaran (private messaging apps) akka Telegram, Signal, Whatsapp fi kunneen biroo bal’inaan faayidaarra oolu.

Moosaajiiwwan kunneen tekinoloojii odeeffannoon waliif qoodnu akka hin butamne taasisu (encryption) qabaachuun isaanii cimina isaanii isa ijoodha.

Moosaajiiwwan kun icciitii dhuunfaa fayyadamtootaa gama eeguutin gumaachi isaanii olaanaa ta’ullee yaaddoo facaatii odeeffannoo sobaafi dogongoraa akkasumas haasaa jibbiinsaa olaanaa uumanii jiru.

Keessattuu tarkaanfii miidiyaaleen hawaasaa akka Feesbuukii, Yuutuubii fi Tiwiitaraa haasaawwan jibbiinsaafi odeeffannoo dogongoraa irratti fudhachaa jiran ka’umsa godhachuun namootnifi gareeleen odeeffannoo sobaa tamsaasan moosaajiiwwan kunneen baay’inaan fayyadamaa jiraachuu ogeeyyiin himu.

Biyya keenya keessattis keessattuu moosaajiin Telegiraamni odeeffannoowwan miidiyaalee hawaasaa biroo irratti qooduun hin danda’amne qooduuf faayidaarra yeroo oolu baay’inaan mul’ata.

Qabiyyeewwan suuraa fi viidiyoo miira hordoftootaa jeequu danda’an akeekkachiisa tokko malee achirratti qoodamu.

Namootni odeeffannoo kunneen qoodan hordoftootni isaanii Feesbuukiifi Tiwiitara irra jiran gara chaanalii Telegiraamaa isaanii seenuun qabiyyeewwan kunneen akka ilaalan affeeru.

Haa ta’u malee qabiyyeewwan bifa kanaan chaanaliiwwan Telegiraamaa irratti qoodaman tokko tokko miira namootaa kan jeeqanfi rakkoo xin-sammuuf saaxiluu kan danda’anidha.

Dabalataan chaanaliiwwan Telegiraamaa maqaa fi suuraa dhaabbilee beekamoo fayyadamuun banaman fi gochaalee goyyomsuu raawwatanis baay’inaan mul’atu.

Gama biraatiin tarkaanfiin Telegram odeffannoowwan sobaa, haasaa jibbiinsaa fi gochaalee burjaajii chaanaliiwwan irratti qoodaman to’achuutiin hojjechaa jiru laafaa ta’uunsaa rakkinicha daran hammeessee jira.

Kanaafis odeeffannoowwan sobaa, haasaa jibbiinsaa akkasumas gochaalee burjaajii gama gareewwan fi chaanaliiwwan Telegiraamin qoodamaniif akka hin saaxilamneef of eeggannoo gochuun barbaachisaadha.

Maloota of eeggannoo itti taasifnu keessaa tokko immoo chaanaliiwwan Telegiraamaa sirrii ta’an qofa hordofuudha.

Kana malees qabiyyeewwan Telegiraamaa odeeffannoo sobaafi haasaa jibbiinsaa ofkeessaa qaban ‘report’ gochuun gahee keenya yaa bahannu.

Barreeffama, suuraa yookiin viidiyoo chaanalii Telegiraamaa keessatti qoodame ‘report’ gochuuf jalqaba barreeffama, suuraa ykn viidiyoo ‘report’ gochuu barbaadnu cuqaasnee sekondii muraasaaf yaa turru.

Itti aansunis ‘report’ kan jedhu yaa cuqaasnu.

Chaanalii yookiin garee Telegiraamaa ‘report’ gochuuf immoo garee yookiin chaanalicha yaa bannu.

Itti aansuun suuraa pirofaayilii chaanalichaa yaa cuqaasnu.

Itti aansuunis mallattoo tuqaalee sadi iddoo ‘more’ jedhu jiru yaa cuqaasnu.

Sana boodas ‘Report’ kan jedhu cuqaasuun filannoowwan dhiyaatan keessaa filachuun report gochuu dandeenya.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::