Dandeettii itti fayyadama miidiyaa fi gahee tamsa’ina odeeffannoo sobaa ittisuu keessatti qabu

Concerns raised by digital attacks and preventive measures to be taken

Fulbaana 07, 2016

Bara dijitaalaa miidiyaaleen gosa garagaraa itti jiran fi odeeffannoowwan heddu guyyaa guyyaan itti tamsa’anitti dandeettii itti fayyadama miidiyaa cimaa qabaachuun barbaachisaadha.

Dandeettiin itti fayyadama miidiyaa (Media literacy) dandeettii odeeffannoo argachuu, xiinxaluu, akkasumas qabiyyeewwan miidiyaa uumuuti.

Miidiyaa yemmuu jennus miidiyaalee idilee kunneen akka televiziyoona, raadiyoo, gaazexaa akkasumas miidiyaalee hawasaa kunneen akka Feesbuukii, Tiwiitara (X), Telegiraama fi kunneen biroo ofkeessatti qabata.

Dandeettiin itti fayyadama miidiyaa dhiibaa odeeffannoowwan miidiyaalee garagaraa irratti qoodaman jiruu dhuunfaa keenyaa akkasumas kan hawaasa keenyaarratti qaban akka hubannu nu dandeesisa.

Kana malees odeeffannoowwan sobaafi dogongoraaf akka hin saaxilamnees nu garagaara.

Haa ta’u malee Itoophiyaan biyyoota dandeettiin itti fayyadama miidiyaa lammiilee isaanii gadi aanaa itti ta’e keessaa tokko yemmuu taatu, sababa  odeeffannoowwan miidiyaalee garagaraa irratti qoodamaniin walitti bu’iinsawwan fi miidhaawwan yeroo qaqqaban ilaaluun baramaa ta’eera.

Kana malees gadi aanaa ta’uun dandeettii itti fayyadama miidiyaa, haasaawwan jibbiinsaa gama miidiyaalee hawaasummaatiin tamsa’an akka baay’atan taasiseera.

Gama biraatiin immoo biyyootni barnoota dandeettii itti fayyadama miidiyaa qaama imaammata barnootaa isaanii gochuun barsiisaniis ni jiru.

Biyyi gama kanaan milkaa’ina guddaa qabdufi akka fakkeenyaatti eeramtu immoo Finlaandi.

Biyyattiin barnoota dandeettii itti fayyadama miidiyaa (media literacy) imaammata barnootaa idilee keessa galchuun barattoonni sadarkaa gadiirraa eegalee dhimmicharratti beekumsa akka qabaatan taasifti.

Sababa kanaanis Finlaand biyyoota lammiileen isaanii dandeettii itti fayyadama miidiyaa olaanaa qaban keessaa adda duree ta’uu dandeessee jirti.

Dandeettii itti fayyadama miidiyaa cimaa qabaachuun garaagarmmaa haqa fi yaada dhuunfaa gidduu jiru adda baafachuu nu dandeesisa.

Kana malees dhugummaa odeeffannoo agarre yookiin dhageenye mirkaneeffachuun dabalataan hojimaata miidiyaa hubachuufis nu gargaara.

Qabiyyeewwan ijoo dandeettii itti fayyadama miidiyaa:

  1. Odeeffannoo argachuu (access): dandeettii namni tokko odeeffannoo gama miidiyaatiin argachuuf qabu agarsiisa. Kunis miidiyaalee akka televiziyoona, raadiyoo, gaazexaa, kitaaba fi gama intarneetaan miidiyaalee hawaasaa akkaumas moosaajiiwwan garagaraa irraa ta’uu danda’a.
  1. Xiinxaluu (analyze): kun immoo dandeettii odeeffannoowwan gama miidiyaaleetiin tamsa’an xiinxaluu ofkeessatti qabata. Kunis kaayyoo odeeffannoon tokko itti qoodame ykn tamsa’e akkasumas dhiibbaa inni uumuu malu hubachuu jechuudha. Dandeettiin kun loogiiwwan odeeffannoo qoodame keessa jiran hubachuuf nu gargaara.
  1. Madaaluu (evaluate): kun immoo dandeettii qulqullina, amanamummaa fi barbaachisummaa odeeffannoo qoodame tokkoo madaaluuti. Dandeettiin kun odeeffannoowwan sobaa adda baafachuu danda’uu ofkeessatti qabata.
  1. Qabiyyeewwan uumuu (create): kun immoo dandeettii tekinooloojiiwwan garagaraatti fayyadamuun qabiyyeewwan yookiin odeeffannoowwan miidiyaa uumuuti. Qabiyyeewwan miidiyaa kunneen barreeffamaa, suuraa, suur-sagalee (viidiyoo) akkaumas sagalee qofaan kan qophaa’an ta’uu danda’u.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::