Akeekkachiifni fayyadamtoota Feesbuukiif ergamaa jiru kun dhaabbata Meta irraa kan ergame miti

No warning sent from Meta

Sadaasa 12, 2016

Tibba kana ergaan akeekkachiisa “akkaawuntiinkee cufamuufi” jedhu qabu fayyadamtoota Feesbuukii tokko tokkoof ergamaa akka jiru hubanneerra.

Ergaan barreeffamaa kun maqaa fi asxaa dhaabbata Meta ofirraa kan qabu yemmuu ta’u, sababni akkaawuntiin Feesbuukii fayyadamtootaa itti cufamus seera itti fayyadama dhaabbatichaa cabsuun akka ta’e hima.

Kanaafis fayyadamtoonni akkaawuntiin Feesbuukii isaanii akka hin cufamneef geessituu (link) kaayame akka cuqaasan ajaja.

Haa ta’u malee barreeffamni dhaabbata Meta irraa akka ta’etti fakkeeffamee fayyadamtootaaf ergamaa jiru kun dhaabbaticharraa kan ergame miti.

Ergaawwan akkanaa baay’inaan namoonni geessituu kaayame akka cuqaasan gochuun akkaawuntii yookiin fuula Feesbuukii isaanii butuuf faayidaarra kan oolanidha.

Qaamoleen bifa kanaan akkaawuntii fi fuulawwan Feesbuukii namootaa butan, akkaawuntiiwwan butan irratti barreeffamoota, suuraalee fi qabiyyeewwan biro kan safuu hawaasaan faallaa ta’an yemmuu maxxansanis mul’ata.

Kana malees geessituuwwan maddi isaanii hin beekamne akkanaa akkaawuntii namootaa butuun icciitii namootaa fi dhaabbilee hatuuf akkasumas maallaqa gaafachuuf faayidaarra oolu.

Dhaabbanni Meta fayyadamtoonni Feesbuukii gochaalee goyyomsuu akkanaaf akka hinsaaxilamneef geessituuwwan shakkisiisoo cuqaasuu isaaniin dura ofeeggannoo gochuu akka qaban hima.

Gorsawwan dhaabbatichi dhimma kana ilaalchisee kennu fuula Giddugala Gargaarsaa (Help Centre) dhaabbatichaa keessatti argamu: https://www.facebook.com/help/1584206335211143

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::