Odeeffannoo dogongoraa Kaawunsiliin Misoomaa Itiyoo-Ameerikaa dhimma Mana Maree Magaala Finfinnee ilaalchisee qoode!

Odeeffannoo dogongoraa Kaawunsiliin Misoomaa Itiyoo-Ameerikaa dhimma Mana Maree Magaala Finfinnee ilaalchisee qoode
Guraandhala 22, 2015

Akkaawuntiin Tiwiitaraa maqaa ‘Ethio-American Development Council’ jedhu fi hordoftoota kuma 94 ol qabu yaa’ii mana maree magaala Finfinnee ilaalchisee odeeffannoo dogongoraa qoodee jira.

Maxxansi guyyaa kaleessaa akkaawunticha irratti qoodame manni maree magaalichaa ji’oota jahan darbanitti walgahii kan hin teenye ta’uu fi kantiibaan magaalichaa murteewwan gurguddoo miseensota kaabinee isaaniitiin murteesisaa jiraachuu hima.

Odeeffannoo kanas fayyadamtootni Tiwiitaraa 140 deebisanii kan qoodan (‘retweet’ kan godhan) yemmuu ta’u namootni 270 ol immoo jaalataniiru (‘like’ godhanii jiru).

Haa ta’u malee Manni Maree Magaalaa Finfinnee 3ffaa bara hojii 2ffaa yaa’iin idilee 1ffaa Onkololeessa 04/2015 adeemsifamuu isaa Itoophiyaa Cheek mirkaneeffachuu danda’eera.

Yeroon yaa’iin mana marichaa itti adeemsifame kun ji’a jaha kan hin guunne yemmuu ta’u odeeffannoon akkaawuntii Tiwiitaraa ‘Ethio-American Development Council’ irratti qoodames dogongora ta’uu isaa agarsiisa.

Manni marichaa yaa’iisaa Onkololeessa 04/2015 adeemsiseen muudamawwan garagaraa raggaasisuun isaa ni yaadatama.

Odeeffannoowwan mirkanaa’an kunneen biroo argachuuf miseensa chaanalii Telegiraamaa Itoophiyaa Cheek ta’aa!

Telegiraama: https://t.me/ethiopiacheck

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::