Suuraan ‘Booranatti roobni roobe’ jechuun marsaalee hawaasaarratti qoodamaa jiru kun dogongora

The communities in the Borena zone of the Oromia region have been affected by severe drought

Guraandhala 27, 2015

Suuraan wayita loon bishaan dhugan agarsiisu kun ‘rooba tibbana godina Booranaatti roobe agarsiisa’ jechuun marsaalee hawaasaa irratti bal’inaan qoodamaa jiraachuu hubannee jirra.

Odeeffannoon kun keessattuu Feesbuukii fi Tiwiitara irratti baay’inaan qoodamaa kan jiru yemmuu ta’u, namootni heddu “roobni roobera” jechuun gammachuu isaanii ibsataa jiru.

Haa ta’u malee qorannoo Itoophiyaa Cheek suuricha irratti taasiseen suurichi haala yeroo ammaa godina Booranaa keessa jiru kan hin agarsiisne ta’uu mirkaneessee jira.

Suurichi waggaa tokko dura miidiyaalee fi namoota dhuunfaan miidiyaalee hawaasaa irratti qoodamaa kan ture akka ta’es ilaallee jirra: https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-60876753

Dabalataan odeeffannoo Waajjirri Komunikeeshinii Godina Booranaa toora Feesbuukii isaa irratti kaleessa Guraandhala 26, 2015 maxxanseen odeeffannoon ‘godinichatti bokkaan roobera’ jechuun qoodamaa jiru soba ta’uu beeksiseera: https://m.facebook.com/story.php?story_fbid=pfbid02uaNCW8Et5F6kLk2s7gaTAAaQn34PYJcWYGMcjZtrPC4QVdr75Y9CRSgjJ2KqhLsnl&id=100064764578380&mibextid=qC1gEa

Waajjirichi ummatni horsiise bulaa godinichaa miidhaa hongeen rakkachaa kan jiru ta’uu himuun hawaasni odeeffannoo sobaa tamsa’aa jiruun akka hin dogongorre dhaamera.

Suuraawwan yeroo isaanii malee qoodaman fi sirrii ta’uun isaanii hin mirkanoofne odeeffannoo sobaaf nu saaxiluu waan danda’aniif odeeffannoowwan suuraadhaan deeggaramanii dhiyaatan amanuu fi deebisnee qooduu keenyaan dura of eeggannoo yaa taasifnu.

Odeeffannoowwan mirkanaa’an kunneen biroo argachuuf fi qabiyyeewwan hubannoo itti fayyadama miidiyaa keessan guddisuuf isin gargaaran argachuuf marsariitii fi chaanalii Telegiraama Itoophiyaa Cheek mil’adhaa:

Marsariitii: https://ao.ethiopiacheck.org/

Telegiraama: https://t.me/ethiopiacheck

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::