“Odeeffannoon sobaa nageenya lammiilee booreessuu keessatti gahee olaanaa fudhachaa jira” Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa

rights organizations call on Ethiopia to end internet shutdowns

Bitooteessa 08, 2015

  1. Haasaan jibbiinsaa fi odeeffannoon sobaa nageenya lammiilee gama booreessuutiin gahee guddaa akka qabu Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa beeksisee jira. Abbaan taayitichaa “gochaa kana ittisuu fi nageenya dhuunfaa fi hawaasa keenyaa eeguuf odeeffannoo tokko sirrii ta’uusaa osoo hin mirkaneeffatiin qooduu dhiisuun akkasumas kunneen haasaa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa tamsaasan saaxiluun dirqama lammummaa keenya bahachuu qabna” jechuun gama miidiyaalee hawaasummaa isaatiin ergaa dabarseera.
  1. Poolisii fi Manni Murtii Olaanaan godina Halaabaa odeeffannoon godinichatti “haleellaan amantaa raawwataa jira jedhu soba” jechuun himan. Qorannoo Poolisiin barattuu tokko irratti taasisaa jiru haleellaa amantaa fakkeessuun odeeffannoon faca’aa jiru dhugaarraa kan fagaate fi soba ta’uu dhaabbileen lamaan beeksisaniiru. Magaalli Halaabaa magaala hordoftootni amantaa garagaraa wal kabajuun fi nagahaan keessa jiraatan ta’uu himuunis, “odeeffannoon sobaa” bifa hojii Poolisii fi Manni Murtii adeemsa seera hordofuun hojjetan fi duudhaa waliin jiraachuu hawaasichaa diiguun tamsa’u fudhatama kan hin qabne ta’uu himaniiru.
  1. Viidiyoowwan sobaa mala DiipFeek (Deepfake) jedhamuun hojjetaman Veenzuweelaa keessatti bal’inaan qoodamaa jiraachuun dhagahame. Viidiyoowwan mosaajii dhaabbata tekinoloojii biyya Ingiliiziin hojjetame fayyadamuun hojjetaman kunneen odeeffannoowwan bulchiinsa Nikolaas Maaduuroo leellisan qoduuf fi mootummaan biyyattiis ilaalcha isaa ittiin ijaaruuf bal’inaan itti fayyadamaa jiraachuu Faayinaanshiyaal Taayims gabaasee jira.

✅️Odeeffannoowwan torbee kana keessa dhiyeessine fi geessituuwwan Telegiraamaa isaanii:

  • Ergaa Wiixataa keenyaan odeefannoowwan sobaa fi haleellaawwan gama intarneetiin dubartoota irratti raawwataman ilaalchisee barreeffama dhiyeessineerra:

https://t.me/ethiopiacheck/1905

  • Oduun “Yunivarsiitiin Maqalee torbee itti aanutti hojii ni eegala” jedhu dogongora ta’uusaa mirkaneessuun Afaan Tigriffaa fi Afaan Amaariffaan gabaasa dhiyeessineerra:

https://t.me/ethiopiacheck/1906

https://t.me/ethiopiacheck/1907

  • Akkaawuntii Tiwiitaraa maqaa fi suuraa Dr. Wadaajenah Mahaaranna fayyadamuun baname ilaalchisees gabaasa hojjenneerra:

https://t.me/ethiopiacheck/1908

  • Deeggarsa lammiilee godina Booranaatti hongeen miidhamaniif ergamaa jirurraa gariin isaa gurguramaa jira jechuun suuraa qoodamaa ture ilaalchisee odeeffannoo arganne dhiyessineerra:

https://t.me/ethiopiacheck/1909

  • Sababoota odeeffannoon tokko dhugaa ta’uusaa amannee akka fudhannu fi akka qoodnu nu taasisan ilaalchisee viidiyoo qopheessinee qoodnee jirra:

https://t.me/ethiopiacheck/1911

  • Dhumarrattis marsariitiiwwan nama goyyomsuu ykn burjaajessuuf faayidaarra oolan ilaalchisee Afaan Tigriffaan odeeffannoo dhiyeessineerra:

https://t.me/ethiopiacheck/1912

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::