Odeeffannoowwan maddoota amanamoo hintaaneen qoodaman ilaalchisee ofeeggannoowwan gochuu qabnu

Odeeffannoowwan maddoota amanamoo hintaaneen qoodaman ilaalchisee ofeeggannoowwan gochuu qabnu

Amajjii 7, 2016

Guyya guyyaan odeeffannoowwan heddu gama miidiyaalee, dhaabbilee, gareeleefii namoota dhuunfaan qoodamu.

Namoonni heddus odeeffannoowwan bifa garagaraan dhiyaatan kunneen ni dubbisu, ni daawwatu yookiin ni dhaggeeffatu.

Haa ta’u malee odeeffannoowwan guyyuu qoodaman keessaa kunneen soba ykn dogongora ta’an xiqqaa miti.

Odeeffannoowwan sobaafii dogongoraa qooduu keessatti kunneen gahee olaanaa qaban keessaa tokko immoo maddoota odeeffannoo amanamoo hintaanedha.

Kanaafuu odeeffannoowwan sobaafii dogongoraa maddoota kunneeniin qoodamaniif akka hin saaxilamneef maal gochuu dandeenya?

  1. Madda odeeffannichaa yaa qorannu: Odeeffannoo madda amanamaa hintaanen qoodame tokko ofitti fudhachuufii fayyadamuu keenyaan dura eenyummaafii amanamummaa qaama odeeffannicha qoodee yaa qorannu. Eenyummaa qaama odeeffannicha qoodeen dabalataan gartummaa qabaachuufii dhabuusaa akkasumas odeeffannoowwan kanaan dura qoodaa ture yaa sakattaanu.
  1. Odeeffannoo qoodame yaa qulqulleeffannu: Odeeffannoo madda amanamaa hintaaneen qoodame tokkotti fayyadamuu keenyaan dura odeeffannichi sirrii ta’uusaa adda yaa baafannu. Kanas malootafii moosaajiiwwan odeeffannoo qulqulleeffachuuf nugargaaran fayyadamuun adda baafachuu dandeenya. Keessattuu odeeffannoon qoodame suuraan kan deeggarame yoo ta’e moosaajiiwwan ykn marsariitiiwwan suuraa deebisanii barbaaduuf gargaaran kunneen akka ‘Google reverse image search, Yandex, Bing fi TinEye’ fayyadamuun qulqulleeffachuu dandeenya. Kana malees odeeffannichi maddoota odeeffannoo amanamoon qoodamuusaas yaa mil’annu.
  1. Odeeffannoo sobaa qoodame sirreessuuf yaa yaallu: Odeeffannoon madda odeeffannoo amanamaa hintaaneen qoodame soba yookiin dogongora yoo ta’e, dhimmicharratti odeeffannoo sirrii ta’e qooduun qaamni odeeffannicha qoode akka sirreessufii namoonni biroonis odeeffannichaan akka hin dogongorreef gahee keenya yaa bahannu. Kana malees odeeffannoon sobaa ykn dogongoraa qoodame miidiyaa hawaasaarratti yoo ta’e, ‘report’ gochuun tarkaanfiin akka irratti fudhatamu yaa goonu.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::