‘Odeeffannoowwan qormaatni biyyaalessaa kutaa 12ffaa hatamuu himan soba’ Ministeera Barnootaa

‘Odeeffannoowwan qormaatni biyyaalessaa kutaa 12ffaa hatamuu himan soba’ Ministeera Barnootaa

Adoolessa 19, 2015

Odeeffannoowwan qormaatni biyyaalessaa kutaa 12ffaa har’a kennamuu eegale hatamee bahu himan miidiyaalee hawaasaa irratti qoodamaa jiraachuu ilaallee jirra.

Odeeffannoowwan kun guyyaa tokko dura keessattuu Feesbuukii irratti qoodamuu kan eegalan yemmuu ta’u, fayyadamtootni miidiyaalee hawaasaa tokko tokko yaaddoo isaanii ibsachaa akka jiranis hubachuu dandeenyerra.

Fuulawwan Feesbuukii odeeffannoo kana qoodan keessaa tokko immoo fuula Feesbuukii ‘SBO Press’ jedhamufi hordoftoota kuma 15 ol qabudha.

Odeeffannoon fuula kana irratti maxxanfame “Qormaanni biyyoolessaa guyyaa borii irraa eegalee kennamuuf deemu Naannoo Amaaraatti har’a tola raabsamaa jira jedhan. Naannoo Benishaangulgumizitti immoo suuqiirraa 300n gurguramaa jira jedhan” jedha.

Barreeffama kana walin suuraan waraqaa qormaataas kan maxxanfame yemmuu ta’u barri qormaataa irra jiru garuu kan hin dubbifamnedha.

Odeeffannoo kana fayyadamtootni Feesbuukii 67 deebisanii kan qoodan yemmuu ta’u, 70 kan ta’an immoo yaada isaanii jalatti barreessaniiru.

Dhugummaa odeeffannoo kanaa ilaalchisee Itoophiyaa Cheek deebii Ministeera Barnootaa gaafateera.

Dhimmicharratti deebii kan nuf laatan Hoji Gaggeessituun Qunnamtii Uummataafi Komunikeeshinii Ministeera Barnootaa Amalawarq Hiziqi’eel, ‘odeeffannichi soba’ jedhaniiru.

Waggoota muraasaa as tibba qormaataatti odeeffannoowwan sobaa ‘qormaatni hatamee baheera’ jedhan irra deddeebiin yeroo qoodaman arguun baramaa ta’eera.

Kana malees Itoophiyaa keessatti tibba qormaataatti yaaddoo hatamuu qormaataan walqabatee miidiyaalee hawaasaarratti uggurri kaa’amaa tureera.

Guyyaa har’aas naannoo walakkeessa guyyaarraa eegalee mosaajii tajaajila ergaa saffisaa daddabarsuu laatu Telegram irratti uggurri kaa’amuusaa hubanneerra.

Gama biraatiin qormaatni biyyaalessaa kutaa 12ffaa har’a kennamuu kan eegale yemmuu ta’u, qormaatichi guutuu biyyattiitti bifa icciittii fi nageenyi isaa eegameen kennamaa jiraachuu Daayrektarri Olaanaan Madaallii Barnootaafi Tajaajila Qormaata Dr. Isheetuu Kabbada dubbachuu isaanii Ministeerri Barnootaa fuula Feesbuukii isaarratti odeeffannoo qoodeera.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::