Odeeffannoowwan sobaa chaanalii Yuutuubii ‘Moha Oromo’ jedhamu irratti qoodaman irraa of yaa eegnu!

Bitooteessa 08, 2015

Chaanaliin Yuutuubii maqaa ‘Moha Oromo’ jedhu qabu odeeffannoowwan sobaa garagaraa maxxansaa akka jiru hubanneerra.

Chaanaliin hordoftoota kuma 300 ol qabu kun odeeffannoowwan suuraa fi sagaleen deeggaraman bifa oduutiin dhiyeessa.

Haa ta’u malee odeeffannoowwan viidiyoowwan chaanalicharratti maxxanfaman keessatti argaman heddu soba fi kan nama dogongorsiisan akka ta’an hubanneerra.

Akka fakkeenyaatti viidiyoon kaleessa Bitooteessa 07, 2015 chaanalicharratti maxxanfame mataduree “WBO Finfinnee marsuun 4 kiilootti fonqolcha raawwate” kan jedhudha.

Viidiyoon mataduree kana qabus al kuma saddeetii ol kan daawwatame yemmuu ta’u kunneen yaada (comment) jalatti  barreessanis ni jiru.

Haa ta’u malee odeeffannoon mataduree viidiyichaa irratti barreeffame sobadha.

Chaanaliiwwan Yuutuubii tokko tokko namootni viidiyoo isaanii cuqaasanii akka banan gochuuf matadureewwan dhugummaa hin qabnefii hawwatoo ta’an fayyadamu.

Kun immoo daawwattoota chaanalii sanaa odeeffannowwan sobaa fi dogongoraaf kan saaxilu waan ta’eef odeeffannoowwan kunneen amanuu fi namoota biroof qooduu keenyaan dura sirrii ta’uu isaanii yaa mirkaneeffannu.

Dabalataan akkaawuntiiwwan, fuulawwan fi chaanaliiwwan miidiyaalee hawaasaa odeeffannoo sobaa fi dogongoraa akkasumas haasaa jibbiinsaa qoodan ‘report’ gochuun gahee keenya yaa bahannu.

Odeeffannoowwan mirkanaa’an kunneen biroo argachuuf miseensa chaanalii Telegiraama Itoophiyaa Cheek ta’aa!

Telegiraama: https://t.me/ethiopiacheck

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::