Odeeffannoowwan sobaa fuula Feesbuukii ‘Samiiraa Jamaal’ jedhamurratti qoodaman irraa of yaa eegnu!

Odeeffannoowwan sobaa fuula Feesbuukii ‘Samiiraa Jamaal’ jedhamurratti qoodaman

Ebla 18, 2015

Fuulli Feesbuukii maqaa ‘Samiiraa Jamaal’ jedhufi hordoftoota kuma 180 ol qabu odeeffannoowwan sobaa garagaraa maxxansaa akka jiru hubanneerra.

Fuulichi dheengadda Ebla 16/2015 “biyyi Ameerikaa nama miliyoona 2 ol Afriikaa irraa carraa hojiitiif akka barbaaddu har’a beeksiftee jirti” jechuun odeeffannoo sobaa qoodera.

Namootni carraa kanatti fayyadamuu barbaadanis geessituu (link) qoodame cuqaasuun iyyata DV (Diversity Visa) akka galfatan gorsa.

Maxxansa kana fayyadamtootni Feesbuukii 50 ta’an deebisanii kan qoodan yemmuu ta’u yaadawwan (comment) 126 argateera.

Haa ta’u malee odeeffannoon kun dogongora akka ta’e, geessituun (link) namootni akka cuqaasan gaafatames geessituu sirrii akka hintaane marsariitii Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa (US Department of State) irraa mirkaneeffachuu dandeenyerra.

Marsariitii kanarraa ( https://dvprogram.state.gov/ ) hubachuu akka dandeenyetti biyyattiin ammatti iyyata carraa lootarii DV haaraa keessummeessaa hin jirtu.

Yeroo dhiyootii as akkaawuntiiwwan fi fuulawwan Feesbuukii odeeffannoowwan sobaa qalbii namootaa hawwatan geessituuwwan dogongoraa walin qoodan baay’inaan mul’achaa jiru.

Kanaafis odeeffannoowwan shakkisiisoo akkanaa amannee geessituu cuqaasuu keenyaan dura odeeffannichi sirrii ta’uusaa yaa mirkaneeffannu.

Kana malees namootni geessituuwwan badaa ta’an akka cuqaasnu nu kakaasuun erga cuqaasnee boodas bilbila yookiin kompiitara keenya irratti miidhaawwan garagaraa qaqqabsiisuu danda’u.

Fakkeenyaafis moosaajiiwwan bilbila ykn kompiitara keenya miidhan fe’uu, furtuu icciitii (password) keenya ittiin hatuu, odeeffannoowwan kunneen akka lakkoofsa bilbila namootaa fi suuraawwan bilbila keenya keessa jiran hatuuf akkasumas bilbila ykn kompiitara keenya ‘hidhuun’ kanfaltii nu gaafachuu danda’u.

Kanaafis geessituuwwan sirrii ta’uun isaanii hin mirkanoofne odeeffannoowwan qalbii namaa hawwatan walin dhiyaatan cuqaasuu keenyaan dura shakkuu fi qorachuun ofeeggannoo yaa taasifnu.

Waa’ee gochaalee goyyomsuu/burjaajii gama geessituuwwanin raawwatamu caalmaatti baruuf viidiyoo Itoophiyaa Cheek qopheesse kana daawwadhaa: https://t.me/ethiopiacheck/1622.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::