Suuraalee shakkisiisoo qulqulleeffachuuf mosaajii kam fayyadamtanii beektu?

poll result revese image search

Waxabajjii 18, 2015

Itoophiyaa Cheek guyyaa kaleessaa gaafii ‘moosaajii suuraalee qulqulleeffachuuf/sakatta’uuf fayyadan keessaa isaan kam fayyadamtanii beektu?” jedhu hordoftoota isaatif dhiyeessee ture.

Namoota gaafichaaf deebii laatan keessaa 28% Google Images, 23% Google Lens, 8% Pinterest, 6% TinEye, 3% Yandex akkasumas hirmaattotni harki caalmaan 58% ta’an mosaajii suuraa qulqulleeffachuuf gargaaru fayyadamee hinbeeku jechuun deebii laataniiru (sagalee tokkoo ol kennuun akka danda’amu waan taasifameef ida’amni deebii kunneenii 100% ni caala).

Walumaagalatti namootni 416 sagalee kennuun qorannicharratti hirmaataniiru.

Tekinooloojiiwwan odeeffannoowwan akkasumas suuraalee qulqulleeffachuuf/sakatta’uuf nu gargaaran heddutu jiru.

Marsariitiiwwan fi mosaajiiwwan bilbilaa dabalatee tekinooloojiiwwan karaa salphaa ta’een odeeffannoo qulqulleessuuf nu gargaaran gosa heddutu jiru. Isaan keessaayis har’aaf tekinooloojii TinEye jedhamu waliin wal isin yaa barsiifnu.

Tekinooloojiin kun marsariitii intarneetii fayyadamuun suuraalee qulqulleeffachuuf gargaarudha.

Suuraan nuti sakatta’aa jirru kana dura yoom fi eessatti akkasumas bifa kamiin faayidaarra oolee akka ture nu beeksisa.

Tekinooloojiin kun suuraalee mosaajiitti fayyadamuun qabiyyeen isaanii geeddarame yookiin ‘edit’ tolfaman barbaadnee argachuus nu dandeesisa.

Marsariitichi www.tineye.com yemmuu ta’u, itti fayyadamuufis jalqaba suuraa sakatta’uu barbaadnu kompiitara yookiin bilbila keenya keessaa fillee feena.

Marsariitichis hubannoo nam-tolcheetti fayyadamuun suuraan nuti irratti feene kuusaa suuraalee biliyoona 45 qabu keessa jiraachuusaa barbaada.

Suuricha yoo kuusaa keessaa qabaate suuricha fi suuraalee walfakkaatan kunneen biroos nuf tarreessa. Suuraalee barbaadee nuf baase keessaa filannee yemmuu cuqaasnus suurichi kana dura eessatti faayidaarra oolee akka ture ilaaluu dandeenya.

Yoo bu’aa nuf hin fidne immoo suurichi kanaan dura faayidaarra hin oolle yookiin immoo kuusaa suuraalee TinEye keessa hinjiru jechuudha. Mosaajiin kun bilisaan kan argamu ta’uunsaa ciminoota inni qabu keessaa isa tokkodha.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::