Itoophiyaatti uggurri tajaajila intarneetii irratti kaa’ame akka ka’u dhaabbileen mirgaa gaafatan

rights organizations call on Ethiopia to end internet shutdowns

Ebla 27, 2015

  1. Dhaabbatni mirga gaazexeessitootaaf falmu CPJ dabalatee dhaabbileen mirgaa 47 tajaajilli intarneetii Itoophiyaa keessatti uggurameera jedhan akka gadhiifamu gaafataniiru. Xalayaa dhaabbileen kunneen mootummaa Itoophiyaaf guyyoota muraasa dura barreessaniin tajaajilli intarneetii banaa, kan nageenyummaan isaa eegame, amanamaa fi walingahiinsa qabu mirgoota namoomaa eegsisuuf barbaachisaa akka ta’e eeraniiru. Akkasumas yeroo gaaga’amni uumamutti yaa’insi odeeffannoo addaan hin cicitne faayidaa qabeessa akka ta’es himaniiru. Itoophiyaa keessatti Feesbuukii, Telegiraamaa, TikTok fi Yutuubiin erga ugguramanii ji’ootni kan lakkaa’aman yemmuu ta’u, naannoo Amaaraa iddoowwan tokko tokkotti immoo tajaajilli intarneetii daataa adda cituunsaa ni beekama.
  1. Abbaa kalaqa hubannoo namtolchee (Artificial Intelligence) jedhamuun kan beekamu Dr. Jofrii Hintan, tekinoloojiiwwan hubannoo namtolchee akka ChatGPT facaatii odeeffannoo sobaaf faayidaarra ooluu danda’u jechuun yaaddoo qaban himan. Dr. Jofriin barreeffama hojiisaanii dhaabbata Guugil keessaa dhaabuu isaanii ilaalchisee barruu Niwyork Taayims irratti barreessaniin yaaddoo isaanii kana kataban. Gumaacha guddina hubannoo namtolcheef taasisanitti akka gaabban kan himan Dr. Jofriin, tekinoloojichi haalaan yoo hogganame malee fuldura keenya yaaddoo keessa kan galchu ta’uu himaniiru.
  1. Biraazil seera dhaabbileen tajaajila miidiyaa hawaasaa fi intarneetii kennan odeeffannoowwan sobaa fi seeran alaa akka hin kessumeessine dirqisiisu raggaasisuuf akka ta’e miidiyaaleen biyyattii gabaasan. Seerichi facaatii odeeffannoo sobaa gama ittisuutin dhaabbilee tajaajila miidiyaa hawaasaa kennaniif dirqama guddaa kan laatudha jedhameera. Kunneen seericha cabsan irrattis adabbiin akka murtaa’u himameera. Guugil fi Feesbuukii dabalatee dhaabbileen heddu ragga’uun seerichaa yaa’a yaada ofii bilisaan ibsachuu kan danquudha jechuun mormii dhageesisaa jiru. Dhaabbatni Guugil ibsa seericha mormuun marsariitii isaarratti maxxanse akka haqu taasifameera.

✅️ Odeeffannoowwan torbee kana keessa isiniif dhiyeessine fi geessituuwwan Telegiraamaa isaanii:

– Ergaa Wiixataa keenyaan facaatii odeeffannoo sobaan walqabatee gahee namootni dhageettii qaban (dhiibbaa uumtootni) qaban Afaan Tigriffaan dhiyeessineerra:

https://t.me/ethiopiacheck/1985

– Odeeffannoo ‘Mereja TV’ duula talaallii naannoo Amaaraatti ni adeemsifama jedhameen walqabatee maxxanse sakattaanerra:

https://t.me/ethiopiacheck/1987

-Odeeffannoowwan “naannoo Amaaraatti labsiin yeroo muddamaa labsame” jechuun qoodamanis soba ta’uu isaanii saaxilleerra:

https://t.me/ethiopiacheck/1988

https://t.me/ethiopiacheck/1989

– Fuulli Feesbuukii komediyaan Isheetuu butamuu isaa ilaalchisees odeeffannoo dhiyeessineerra:

https://t.me/ethiopiacheck/1990

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::