Sababootni odeeffannoon sobaa tokko bal’inaan akka faca’u taasisan maalfaadha?
Itoophiyaa Cheek guyyaa kaleessaa “odeeffannoon sobaa tokko bal’inaan akka tamsa’uuf/faca’uuf maaltu sababa ta’uu danda’a?” jechuun hordoftoota isaatiif gaafii dhiyeessee ture.
Qorannoo yaada ummataa kanaaf namootni 883 deebii kan laatan yemmuu ta’u deebiiwwan bifa filannoon dhiyaatan keessaa: qaamni odeeffannicha qoode beekamaa yoo ta’e yookiin hordoftoota baay’ee kan qabu yoo ta’e kan jedhu %14, odeeffannoon dhiyaate dhimmoota waqtaawoo irratti kan xiyyeeffate yemmuu ta’u kan jedhu %13, odeeffannichi kan arbeeffame fi miira namaa kan tuqu yemmuu ta’u kan jedhu %11, odeeffannichi suuraa fi viidiyoo gulaalameen (doctored) kan deeggarame yemmuu ta’u kan jedhu %5, odeeffannichi miidiyaa irratti yemmuu dhiyaatu kan jedhu %3 kan argatan yemmuu ta’u hundi deebii dha kan jedhu immoo hamma namoota deebii kennan keessaa %54n filatameera.
Namootni heddu akka eeranitti carraan dhimmootni olitti eeraman marti odeeffannoon sobaa bal’inaan akka faca’uu taasisuuf qaban olaanaadha.
Keessattuu tibba gaaga’amni siyaasaa yookiin hookkarri uumamutti fedhiin taateewwan uumaman beekuuf qabnu daran ni dabala. Fedhii beekuu keenya kana guutuuf immoo miidiyaalee hawaasaa, fuulawwan fi chaanaliiwwan ‘odeeffannoo irraa argachuu dandeenya’ jennee yaadnu ni mil’anna. Yeroo kanatti adamsitoota cuqaasaa (clickbaits) kunneen mataduree hawwataa barreessuun geessituuwwan (links) akka cuqaasnu barbaadaniif saaxilamuu dandeenya.
Adamsitootni cuqaasaa fuulawwan fi chaanaliiwwan miidiyaalee hawaasaa mataduree oduu hawwataa ta’e fi suuraa gulaalame fayyadamuun geessituu akka cuqaasnu ykn viidiyoo bannee akka ilaallu nu affeeranidha. Haa ta’u malee qabiyyeen isaanii mataduree oduu waliin kan wal hin simne, maddi odeeffannichaa kan hin eeramne fi odeeffannoon dhiyaates iddoowwan garagaraatii walitti kan qabamedha.
Adamsitootni cuqaasaa Itoophiyaa keessatti Yutuubii irratti baay’inaan kan mul’atan yemmuu ta’u, kaayyoon irra jireessa isaanii lakkoofsa hordoftootaa (subscribers) fi daawwatoota isaanii dabaluun maallaqa argachuu yemmuu ta’u kunneen biroo immoo kaayyoo siyaasa galmaan gahachuuf dhimma itti bahu.
Qabiyyeen adamsitoota cuqaasaan qoodaman baay’een isaanii maddi isaanii kan hin eeramne, kan arbeeffaman fi gartummaa ykn loogii kan ofkeessaa qaban ta’anii argamu. Kanaafis babal’achuu facaatii odeeffannoo sobaa fi dogongoraa keessatti gahee olaanaa qabu.
Kanaafis odeeffannoowwan chaanaliiwwan Yuutuubii fi marsariitiiwwan adamsitoota cuqaasaa ta’aniin qoodaman amanuu fi deebisnee qooduu keenyaan dura haalaan xiinxaluun barbaachisaadha.
ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ
ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::