Sadarkaa addunyaatti guddachuu lakkoofsa hojii dhabdootaa ilaalchisee odeeffannoo dogongoraa Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Caffeef dhiyeessan

Sadarkaa addunyaatti guddachuu lakkoofsa hojii dhabdootaa ilaalchisee odeeffannoo dogongoraa Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Caffeef dhiyeessan

Adoolessa 05, 2015

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Wiixata Adoolessa 03, 2015 gaafilee fi yaadawwan miseensota Caffee irraa dhiyaateef deebii yemmuu laatanitti hojii dhabdummaan qormaatawwan yookiin rakkoolee akka biyyaattis ta’e naannootti mudatan keessaa tokko ta’uu himaniiru.

Dhimmi kun rakkoo biyyoota addunyaa garagaraa mudate akka ta’es kaasaniiru.

Pirezidaantichi haasaa isaanii keessatti “Hojii dhabaan akka addunyaatti dhibbeentaa 16 oliin guddatee jira” jechuun miseensota Caffeetti himaniiru.

Haasaan Pirezidaantichaa kunis geessituu gabaasa kallattii OBN guyyaa dheengaddaa keessa sa’aa 2:36:45 irraa eegalee argama: https://fb.watch/lJqqMYbnKz/?mibextid=v7YzmG

Kana malees rakkoo hojii dhabdummaa biyyoota Afriikaa akka Afriikaa Kibbaa fi Naayijeeriyaa keessa jiru kaasuun, “Afriikaa Kibbaatti hojii dhabaan dhibeentaa 60n guddatee jira. Naayijeeriyaa qofatti dhibbeentaa 53n guddatee jira” jedhan.

Haaluma wal fakkaatuun Chaayinaa keessattis lakkoofsi hojii dhabdootaa dhibbeentaa 20n guddachuu himaniiru.

Haa ta’u malee ragaan pirezidaantichi dhiyeessan ragaalee dhaabbilee dhimmicharratti ragaa amanamaa dhiyeessuun beekaman walin kan wal hin simne akka ta’e ilaallee jirra.

Ragaan Baankii Addunyaa akka agarsiisutti sadarkaa addunyaatti hammi hojii dhabdootaa ALA bara 2019tti dhibbeentaa 5.5% ture.

Bara 2020tti dhibbeentaa 6.9, bara 2021tti dhibbeentaa 6.2 akkasumas bara 2022tti immoo dhibbeentaa 5.8 akka ta’e agarsiisa: https://data.worldbank.org/indicator/SL.UEM.TOTL.ZS

Kana malees Dhaabbatni Hojii Addunyaa ILO hammeentaan hojii dhabdoota addunyaa kan bara 2023 dhibbeentaa 5.8 akka ta’u tilmaamee jira: https://ilostat.ilo.org/data/#

Haaluma kanaan ragaaleen dhaabbilee lamaanii lakkoofsi hojii dhabdootaa sadarkaa addunyaatti dhibbeentaa 16 olin dabaluu isaa hin agarsiisan.

Gama biraatiin Afriikaan Kibbaa biyyoota rakkoon hojii dhabdummaa itti hammaate keessaa adda duree taatus lakkoofsi hojii dhabdootaa sadarkaa Pirezidaant Shimallis Abdiisaa himaniin keessatti hin guddanne.

Ragaan Dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF) akka agarsiisutti hammeentaan hojii dhabdootaa biyyatti bara 2020tti dhibbeentaa 29.2 kan ture yemmuu ta’u bara 2021tti gara dhibbeentaa 34.3tti ol guddateera.

Bara 2022tti immoo gara dhibbeentaa 33.5tti gadi kan bu’e yemmuu ta’u, tilmaamni bara 2023 immoo dhibbeentaa 34.7 dha: https://www.imf.org/external/datamapper/LUR@WEO/WEOWORLD/ZAF

Ragaan Dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF) kunis lakkoofsi hojii dhabdootaa dhibbeentaa 60n dabaluu isaa hin agarsiisu.

Haala wal fakkaatuun akka ragaan Dhaabbata Maallaqa Addunyaa agarsiisutti Chaayinaatti waggoota sadan darban keessatti hammeentaan hojii dhabdootaa inni olaanaan dhibbeentaa 4.2 yemmuu ta’u inni gadi aanaan immoo dhibbeentaa 4 dha.

Kunis lakkoofsi hojii dhabtootaa biyya Chaayinaa dhibbeentaa 20n kan hin guddanne ta’uu kan agarsiisudha: https://www.imf.org/external/datamapper/LUR@WEO/OEMDC/ADVEC/WEOWORLD/CHN

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::