Sochiin bifa qindaa’een dhiibbaa uumuu (Coordinated Influence Operation) maali?
Onkololeessa 26, 2016
Qaamolee waljijjiirraa odeeffannoo fayya qabeessa miidiyaalee hawaasaarratti adeemsifaman jeeqan arguun taatee baramaadha. Tokko tokko odeeffannoowwan sobaafi dogongoraa ta’e jedhanii kan qoodan yemmuu ta’u, kunneen haasaa jibbiinsaa qoodanfi gochaalee goyyomsuu raawwatanis ni jiru.
Gama biraatiin qaamoleen ajandaan isaanii ajandaa nama baay’ee akka ta’e, fudhatamni isaaniis olaanaa akka ta’e agarsiisuuf jecha bifa qindaa’een odeeffannoo walfakkaataa qoodanfii yaa’insa odeeffannoo fayyaalessaa booressanis ni jiru.
Dhaabbatni Meta amala hamaa qaamoleen kunneen miidiyaa hawaasaarratti agarsiisan kana ‘Amala qindaa’aa dhugummaa hinqabne’ (Coordinated inauthentic behaviour) jechuun waggoota lama dura kan moggaase yemmuu ta’u, gochichis sirrii akka hintaane beeksiseera.
Qorattoonni damichaa gama isaaniitin immoo ‘sochii dhiibbaa uumuu qindaa’aa’ (Coordinated Influence Operation) jechuun waamu.
Kaayyoon qaamolee sochii dhiibbaa uumuu qindaa’aa taasisanii fudhatamni ajandaa isaanii guddaa akka ta’e akkasumas deeggarsa olaanaa akka qaban agarsiisuudha. Kanaafis bifa qindaa’aa ta’een akkaawuntiiwwan miidiyaalee hawaasaa baay’ee banu; namoota akkaawuntiiwwan kunneenitti dhimma bahaniifis leenjii ni kennu. Kan humna qaban ammoo moosaajiiwwan akkaawuntiiwwan sobaafi bootiiwwan (bots) omishan fayyadamu.
Akkaawuntiiwwan sobaafi bootiiwwan kunneenis maxxansawwan hoggantoonni, dhaabbileen, miidiyaaleen yookiin rogeeyyiin isaanii qoodan jala deemuun yaadawwan (comment) deeggarsaa hedduminaan barreessu. Kana malees qabiyyee maxxanfame sana baay’inaan qooduun waljijjiirraa yaadaa fayya qabeessa booressu.
Gama biraatiin immoo gara akkaawuntiiwwan qaamolee yaada isaaniin faallaa ta’e qabanitti deemuun bifa duulaatiin qeeqa fi komii barreessu akkasumas qaama sana ni xiqqeessu.
Dabalataan lammiileen ejjennoo fi ilaalcha qaban akka shakkanis taasisu. Waljijjiirraa odeeffannoo fayya qabeessa jeequunis shaakala dimokiraasii quucarsu, burjaajiis ni uumu.
Gochaalee hammaatoo akkanaa baruufi kunneen gochicharratti hirmaatan adda baafachuun ejjennoofi ilaalcha odeeffannoo dhugaarratti hundaa’e qabaachuuf nugargaara. Qaamolee sochii dhiibbaa uumuu qindaa’aa irratti hirmaatanis salphaatti adda baafachuun ni danda’ama.
Akkaawuntiiwwan sochii dhiibbaa uumuu qindaa’aa irratti hirmaatan dursanii kan qophaa’anfi qabiyyeewwan walfakkaatan (copy-paste contents) qooduun kan beekaman yemmuu ta’u, jechoota waa akka malee leellisan fayyadamu.
Akkasumas imoojiiwwan (emojis) deeggarsafi jaalala ibsan qoodu. Qaamolee faallaa isaanii ta’aniif immoo jechootafi imoojiiwwan qeeqaa yemmuu fayyadaman mul’ata.
Gama biraatiin guyyaa itti banamanfi suuraa pirofaayilii isaanii ilaaluun akkaawuntiiwwan sochii dhiibbaa uumuu qindaa’aa irratti bobba’an baruuf gargaara. Akkaawuntiiwwan kunneen baay’inaan yeroo dhiyoo keessa kan banamanfi suuraan pirofaayilii isaaniis baay’inaan kan hoggantootaa yookiin dhiibbaa uumtootaati.
Dabalataan akkaawuntiiwwan sochii dhiibbaa uumuu qindaa’aa irratti bobba’an battala waa maxxanfamutti hatattamaan iddoo yaadaa (comment) deemanii barreesuunis beekamu.
Maalummaa sochii dhiibbaa uumuu qindaa’aa hubachuufi sochii akkaawuntiiwwan gochicharratti hirmaatanii baruun odeeffannoo sobaafi dhiibbaa hinmallerraa of yaa eegnu!
ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ
ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::