Suuraan barreeffama ‘Wancii’ jedhu waliin qoodame kun ijaarsa naannoo hara Wancii jiru hin agarsiisu

Suuraan barreeffama ‘Wancii’ jedhu waliin qoodame kun ijaarsa naannoo hara Wancii jiru hin agarsiisu

Amajjii 22, 2016

Akkaawuntiin Feesbuukii maqaa ‘Obsaa Sabaa’ jedhufii hordoftoota kuma 22 ol qabu suuraa dogongorsiisaa maxxansuu isaa hubanneerra.

Akkaawuntiin kun suuraa waraabbiin iskiriiniisaa (screenshot) mul’atu kana barreeffama ‘Wancii, Oromiyaa, Itoophiyaa’ jedhu waliin qoodee jira.

Maxxansa kanas fayyadamtoonni Feesbuukii 200 ol deebisanii kan qoodan yemmuu ta’u, namoonni heddus yaadafii ilaalcha isaanii jalatti barreessaniiru.

Haa ta’u malee qorannoo Itoophiyaa Cheek suuricharratti taasiseen wixineen ijaarsaa mul’atu kun ijaarsa naannoo hara Wancii jiru kan hin agarsiisne akka ta’e mirkaneeffateera.

Suuraan kun wixinee yookiin dizaayinii waajjira mummee dhaabbata tekinoloojii biyya Chaayinaa ‘Tencent’ jedhamu yemmuu ta’u, ALA bara 2023 keessa ture kan ifoome.

Dizaayiniin kun uwwisa miidiyaalee idil-addunyaas argatee kan ture yemmuu ta’u, miidiyaan CNN’s waa’ee dizaayinichaa gabaasa bal’aa dhiyeessee ture.

Gabaasni CNN hojjetes geessituu kanaan argama: https://edition.cnn.com/style/china-tencent-helix-shenzhen-ole-scheeren/index.html

Suuraawwan iddoo biraatii fuudhamanii qoodaman odeeffannoo sobaafii dogongoraaf nusaaxiluu waan danda’aniif amanuufii ofitti fudhachuu akkasumas deebisnee qooduu keenyaan dura ofeeggannoo yaa taasifnu.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::