Taatee godina Jimmaa aanaa Geeraa keessatti raawwatamerratti ibsa bulchiinsi aanichaa Itoophiyaa Cheekif laate

Taatee godina Jimmaa aanaa Geeraa keessatti raawwatamerratti ibsa bulchiinsi aanichaa Itoophiyaa Cheekif laate

Adoolessa 20, 2015

Hordoftootni keenya heddu viidiyoo taatee godina Jimmaa aanaa Geeraatti raawwatame agarsiisa jechuun marsaalee hawaasaa irratti qoodamaa jiru akka qulqulleessinu nu gaafachaa turaniiru: Viidiyoo

Viidiyoon daqiiqaa 02:16 dheeratufi kaleessa Adoolessa 19, 2015 irraa eegalee keessattuu Feesbuukii fi TikTok irratti qoodamaa jiru kun fayyadamtoota miidiyaalee hawaasaa biraa yaadawwan garagaraa keessummeessaa jira.

Jalqaba viidiyoo kanaatti namootni afur namoota baay’inaan walitti qabaman gidduu dhaabbatanii kan mul’atan yemmuu ta’u, isaan keessaa tokko “Mana seeraa deemee nama himachuu nan balleesse” jechuun gadi jedhanii dhiifama yemmuu gaafatan mul’ata.

Sababni gara mana seeraa itti deemanis ‘nagaheen naaf hin kennamne’ kan jedhu akka ta’e haasaa viidiyoo kana keessatti dhagahamurraa hubachuu dandeenyerra.

Viidiyoo kana keessatti sagaleen nama jechoota garagaraatti fayyadamuun nama dhiifama gaafatu kana arrabsus duubaa ni dhagahama. Kana malees nama kana irraa saqqiin akka irraa baafamu yeroo dubbatamus ni dhagahama.

Dabalataan namootni hafan sadeen immoo akka jilbeenfatan yeroo ajajaman fi sadeen keessaa inni jilbeenfachuu dide tokko dhiitichoon yemmuu rukkutamufi innis utaalee gara nama isa rukkutee yeroo fiigu viidiyoon kun agarsiisa.

Gochaan viidiyoo kana keessatti mul’atu safuufi duudhaa hawaasaa kan cabse akkasumas seeraan ala akka ta’e fayyadamtootni miidiyaalee hawaasaa heddu barreessaa jiraachuus ilaallerra.

Akka odeeffannoo Itoophiyaa Cheek argatetti taateen kun godina Jimmaa aanaa Geeraa ganda Borcoo Deekkaa keessatti ALI Adoolessa 08 bara 2015 raawwatame.

Dhimmicha ilaalchisee Itoophiyaa Cheekif odeeffannoo kan laatan bulchaan aanaa Geeraa Obbo Hawwii Sa’id, taateen kun marii dhimma nageenyaa gandicha keessatti taa’amerratti uumamuu himaniiru.

“Adoolessa 09 viidiyoon guutuun waraabamee sana booda kukkutamee iddoon barbaadamu qofti gadhiifame. Garuummoo wantichi qabatamaan jira” jedhan.

Taatee walgahicharratti uumamefi ka’umsa isaa qoratanii hawaasa akka beeksisan kan himan qondaalli kun, hawaasa gandichaa walin marii kan taasisan ta’uus dubbataniiru.

Taatee waltajicharratti uumame ilaalchisees yeroo dubbatanis, “sirrii hin turre. Namni yakkayyuu raawwate bu’uuruma seera biyya keenyaatin ilaalamuu qaba. Hawaasa fuldurattis sochiin akka kanaa karaa kamiinuu taasifamuu hinqabu. Gocha farra dimokiraasiiti kan jedhu koreen olaanaa keenya ilaalee jira” jedhan.

Namootni afran namoota walgahiif taa’an gidduu dhaabbatanii mul’atan shakkamtoota hawaasaan saaxilaman ta’uu odeeffannoo akka qaban kan himan Obbo Hawwiin, “hawaasni kan saaxile seeraan ilaalaa jechuufi malee akka mirgi namaa sarbamuuf miti. Kanaaf isa kana rakkoo cimaadha jennee ilaallee qaama rakkoo kana keessaa gahee qabu to’annee adeemsa qorannoorra jirra” jedhaniiru.

Haaluma kanaan namootni hawaasaan saaxilamaniiru jedhaman jaha akkasumas waltajicha gaggeessaa kan turan itti Gaafatamaan Waajjia Bulchiinsaafi Nageenya Aanichaa fi Itti Gaafatamaan Ijaarsaa to’annoo seeraa jala jiraachuu Obbo Hawwii Sa’id Itoophiyaa Cheekitti himaniiru.

“Tarkaanfii madaalawaa ta’e hawaasa keenya kiisuu danda’ufi nageenya, tasgabbiifi misooma isaatti deebisuu danda’u fudhannee ni beeksifna. Warri shakkamaa ta’anii hawaasaan saaxilamanis adeemsa qorannoo seeraatin ilaalamanii kallattiin kaa’amuudhaaf ni danda’ama kan jedhu qabannee jirra” jechuunis himaniiru.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::