Tajaajilli intarneetii naannoo Amaaraatti uggurame akka deebi’u gaafatame

tekinooloojii

Fulbaana 4, 2016

1. Mootummaan tajaajila intarneetii naannoo Amaaraatti adda cite akka eegalchiisu dhaabbileen gaafatan. Gaaficha kan dhiyeesse dhaabbilee mirgoota namoomaa 300 ol ofjalatti kan qabu sosochii Kip It On (#KeepItOn) akkasumas dhaabbilee mallatteessitoota 48 ta’anidha. Waqtii walitti bu’iinsi uumamutti tajaajila intarneetii ugguruun lammiileen odeefannoowwan barbaachisaa ta’e akka hin arganne akka taasisu ibsa waamicha kana ilaalchisee laatamerratti himameera.

2. Lammiileen odeeffannoowwan sobaa dhimma fayyaa ilaalchisee miidiyaalee hawaasaarratti qoodaman irraa akka of eegan Ministeerri Fayyaa hubachiise. Odeeffannoowwan sobaa dhimma fayyaa ilaallatan miidiyaalee hawaasaa garagaraa keessattuu TikTok irratti bal’inaan qoodamaa akka jiran ibsa kaleessa baaseen himeera. Kunneen odeeffannicha qoodanis “namoota itti gaafatamummaan hir’atufi ogummaa fayyaa osoo hinqabaatiin gorsa ogummaa fayyaa ni laanna” jedhan akka ta’es ministeerichi beeksiseera. Odeeffannoowwan dhimma fayyaa maddoota amanamoofi ogeeyyii fayyaatiin dhiyaatan qofa ofitti fudhachuun akka barbaachisus hubachiisera.

3. Dhaabbileen tajaajila miidiyaa hawaasaa laatan filannoowwan bara faranjootaa itti aanutti taasifaman ilaalchisee odeeffannoowwan sobaa tamsa’an to’achuuf qophii gahaa hin taasisne jechuun ‘Global Coalition for Tech Justice’ komate. Qindoominni hooggantoota dhaabbilee siiviikii fi namoota sababa tekinooloojiin miidhaan irra gahe ofkeessatti qabate kun, qophii dhaabbileen miidiyaa hawaasaa gama odeeffannoowwan sobaa afaanota garagaraan tamsa’an to’achuutiin qaban qeeqee jira. Qophii dhaabbileen kunneen filannoowwaniin walqabatee taasisaa jiran akka beeksisanis gaafateera. Bara faranjootaa 2024’tti sadarkaa addunyaatti filannoowwan lakkoofsaan 50 ta’an fi namootni biliyoona lamaa ol irratti hirmaatan akka adeemsifamanis himameera.

Odeeffannoowwan torbee kana keessa dhiyeessinefi geessituuwwan Telegiraamaa isaani:

– Ergaa Wiixataa keenyaan facaatii odeeffannoo sobaan walqabatee haala bara 2015 keessa ture fi of eeggannoo bara haaraatti taasisuu qabnu ilaalchisee barreeffama isiniif qoodnerra: https://t.me/ethiopiacheck/2180

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::