Akeekkachiisa chaanaliiwwan Telegiraamaa sobaa maqaa Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaatiin banaman!

Hagayya 29, 2015

Chaanaliiwwanfi gareewwan Telegiraamaa sobaa maqaafi suuraa Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa fayyadamuun banaman odeeffannoowwan garagaraa maxxansaa akka jiran hubanneerra.

Gareewwanfi chaanaliiwwan kunneen barreeffamoota garagaraa maxxansuun gochaa goyyomsuufi burjaajessuu akka raawwatanis odeeffannoowwan qoodaman irraa hubachuun ni danda’ama.

Dhimma chaanaliiwwanfi gareewwan Telegiraamaa kunneenii ilaalchisee Itoophiyaa Cheek, Daayirektara Qorannoo Gabaafi Qunnamtii Hojii Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa kan ta’an Obbo Toleeraa Shuulaa haasofsiisee jira.

Isaanis baankichi chaanalii Telegiraamaa mirkanaa’e (verified) akka qabufi isaan ala kan jiran chaanaliiwwan sobaa ta’uu isaanii nutti himaniiru.

“Chaanaliiwwan Telegiraamaafi fuulawwan Feesbuukii kunneen mirkanaa’an (verified) ala kan jiran kan keenya miti. Kan nuti itti fayyadamnu kan ‘verified’ ta’an qofadha” jedhan Obbo Toleeraan.

Kana malees “Bootii Telegiraama adda addaan namootni maallaqa walitti qaban akka jiranis bira geenyerra” kan jedhan daayrektarichi, namootni chaanaliiwwan Telegiraamaa sobaa maqaa baankichaan banamanirraa akka of eegan ergaa dabarsaa turuu himaniiru.

Chaanaliin Telegiraamaa Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa inni sirriin mallattoo mirkaneessa abbummaa ofirraa qabu geessituu kanaan argama: https://t.me/coopbankoromia

Akkaawuntiiwwan, fuulawwanfi chaanaliiwwan miidiyaalee hawaasaa sobaa odeeffannoowwan sobaafi dogongoraaf nu saaxiluu waan danda’aniif toorawwan miidiyaalee hawaasaa sirrii ta’an qofa hordofuun of eeggannoo yaa taasifnu.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::