Filannoo pirezidaantummaa Tarkiin walqabatee facaatiin odeeffannoo sobaa daran dabaluun isaa himame

tekinooloojii

Caamsaa 18, 2015

  1. Filannoo pirezidaantummaa Tarkiin walqabatee facaatiin odeeffannoo sobaa dhiibbaa olaanaa geesisaa jiraachuu miidiyaaleen gabaasaa jiru. Suuraaleen sobaa, poostariiwwan gulaalaman, Diipfeek fi Chipfeek, viidiyoowwan saal-qunnamtii sobaa fi kkf mul’achuun isaanii gabaafameera. Dhaabbatni biyya Tarkii hojii odeeffannoo qulqulleessuu hojjetu Tayit (Teyit) jedhamuun beekamu odeeffannoowwan sobaa bal’inaan mul’achuu isaanii kan hime yemmuu ta’u gochichi garee hunda biraa mul’achuu isaas beeksiseera. Dhaaba siyaasaa morkataa bakka bu’uun filannoo pirezidaantummaaf dorgomaa kan jiran Kamaal Kilidaaroglu, gochaa odeeffannoo sobaa dhugummaan isaanii hin mirkanoofne omishuufi facaasuun Raashiyaa kan himatan yemmuu ta’u paartii biyya bulchaa jiru bakka bu’uun dorgomaa kan jiran Erdogaan immoo morkataan isaanii raayyaa odeeffannoo sobaa tamsaasuu gurmeessaniiru jechuun komataniiru.
  1. Mosaajii suuraa gulaaluuf bal’inaan faayidaarra oolu Footooshop (Photoshop) irratti tekinoloojii hubannoo namtolchee gargaarsa dabalataa laatu ida’uuf akka ta’e Adoben beeksise. Tekinoloojiin maqaa Jenereetiv Fiil (Generative Fill) jedhamu qabu kun ajaja barreeffamaan kennamuuf bu’ureeffachuun suuraalee gulaaluu (edit tolchuu) danda’a jedhameera. Qeeqawwan ‘facaatii suuraalee sobaa daran hammeessuu danda’a’ jedhan tekinoloojicharratti dhiyaachaa kan jiran yemmuu ta’u, Adoben gama isaatiin daataan suuraaleen tekinoloojichaan hojjetaman gulaalamuu isaanii agarsiisu suuraalee waliin akka hidhamu ibseera. Kana beekufis verify.contentauthenticity.org fayyadamuun ni danda’ama jedhameera.
  1. Dhaabbatni Meta adabbii maallaqaa Gamtaa Aurooppaan irra kaayame mormuun oliyyannoo akka dhiyeeffatu yookiin dhimmicha gara mana murtiitti akka geessu beeksise. Dhaabbatni to’annoo odeeffannoo dhuunfaa Gamtaa Awurooppaa, abbaa miidiyaalee hawaasaa Feesbuukii, Inistaagiraam fi Whatsapp kan ta’e Metan odeeffannoo dhuunfaa namootaa qaama biraaf dabarsee kenneera jechuu isaatin Meta irratti adabbiin Doolaara biliyoona 1.3 murtaa’uunsaa ni yaadatama.

✅️ Odeeffannoowwan torbee kana keessa dhiyeessinefi geessituuwwan Telegiraamaa isaanii:

– Ergaa Wiixataa keenyaan waa’ee odeeffannoowwan sobaa tekinoloojii hubannoo namtolchee fayyadamuun hojjetaman ilaalchisee Tigriffaan odeeffannoo dhiyeessineerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2009

– Akkasumas haasaawwan jibbiinsaa TikTok irratti qoodaman ilaalchisuunis xiinxala dhiyeessineerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2011

– Viidiyoowwan hubannoo itti fayyadama miidiyaa cimsanis qoodnerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2013

https://t.me/ethiopiacheck/2012

https://t.me/ethiopiacheck/2010

– Sakattaa yaada ummataa hordoftootni keenya irratti hirmaatanis gama Telegiraamaan qoodnerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2014

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::