Keeniyaan viidiyoowwan biyyattii keessatti TikTok irratti qoodaman irratti to’annoon akka godhamu dhaabbaticha waliin waliigaluu beeksifte

tekinooloojii

Hagayya 19, 2015

  1. Keeniyaan viidiyoowwan biyyattii keessatti TikTok irratti qoodaman irratti to’annoon akka godhamu dhaabbaticha waliin waliigaluu beeksifte. Waliigalteen kun miseensi paarlaamaa biyyattii tokko “TikTok viidiyoowwan miidhaa geesisan tamsaasaa jira” jechuun akka ugguramu gaafii paarlaamaaf dhiyeessan hordofee kan raawwatame ta’uu VOA’n gabaasera. Bu’uura waliigaltichaatiin viidiyoowwan miidhaa geesisan TikTok irraa akka haqaman beekameera. Viidiyoowwan Afriikaa keessatti TikTok irratti qoodaman to’achuuf dhaabbatichi Keeniyaatti waajjira akka banatu hoji gaggeessaan dhaabbatichaa Sho Zi Chew dubbachuun isaaniis gabaafameera.
  1. Somaaliyaan miidiyaalee hawaasaa TikTok fi Telegram ugguruushee Aljaziiraan gabaasee jira. Biyyattiin tarkaanfii kana fudhachuu kan dandeesse marsaalee hawaasaa lamaan irratti odeeffannoowwan sobaafi qabiyyeewwan hammaatoo bal’inaan qoodamu jechuun akka ta’es gabaasni Aljaziiraa hima. Dhaabbileen biyyattii keessatti tajaajila Telekoomii laatanis miidiyaalee hawaasaa lamaan kaleessarraa eegalee akka ugguran mootummaan biyyattii ajaja dabarsee jira.
  1. Pirezidaantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp turtii waggoota lama booda miidiyaa hawaasaa Eks kan duraan Tiwiitara jedhamu fayyadamuu eegalan. Tiraamp, imaammata Tiwiitar ‘gochaa humnaa kakaasuufi jajjabeessuu’ jedhu cabsuun Tiwiitara akka hin fayyadamneef waggoota lama dura uggurri irra kaayamee ture. Abbaan qabeenyaa Tiwiitar Iloon Mask dhaabbaticha erga bitee booda uggurri Tiraamp irratti kaayame dogongora akka ta’efi mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu waliin kan wal faallessu akka ta’e himaa ture.

Odeffannoowwan torbee kana keessa dhiyeessinefi geessituuwwan Telegiraamaa isaanii:

– Ergaa Wiixataa keenyaan barreeffama odeeffannoowwan hammaatoo miidiyaalee hawaasaa irratti qoodaman ilaalchisee hubannoo uumu maxxansineerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2146

-Fuulawwan Feesbuukii sobaa maqaa Baankii Siinqeetiin banaman ilaalchisees odeeffannoo qoodnerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2148

-Odeeffannoo ‘Itoophiyaan miseensa biyyoota BRICS taaterti’ jechuun qoodames sakattaanerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2150

-Qabxiilee qabiyyeewwan sobaafi dogongoraa TikTok irratti qoodaman adda baafachuuf nu gargaaran ilaalchisees barreeffama isinif qoodnerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2151

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::