TikTok tajaajila gulallii qabiyyee eegaluuf akka ta’e himame

tekinooloojii

Hagayya 05, 2015

  1. TikTok tajaajila gulallii qabiyyee (edit) eegaluuf akka ta’e miidiyaan dhimmoota tekinooloojii irratti gabaasuu Za Lip gabaasee jira. Tajaajilli gulaallii kun fayyadamtootni TikTok barreeffama ibsituu qabiyyee (captions), haashitaagiiwwan, ibsawwanfi barreeffamoota biroo akka sirreessanfi ammayyeessan kan dandeessisudha jedhameera. Tajaajilli kun qabiyyeewwan erga maxxanfamanii guyyoota torba hin caalle qofarratti kan hojjetu akka ta’es Za Lip gabaasee jira.
  1. Feesbuukiin hoggantoota gareelee Feesbuukii (admins) yeroo dheeraaf Feesbuukii hin fayyadamne (‘active’ hintaane) miseensota biroon akka bakka buusu beeksise. Hoggantootni gareelee dirqama qabiyyeewwan garicharratti maxxanfaman hordofuufi to’achuu qabuu kan jedhu Feesbuukiin, hoggantootni gareelee yeroo dheeraaf Feesbuukiitti dhimma hinbaane kunneen biraatiin kan bakka buufaman akka ta’e hubachiisa erguu eegaleera. Haaluma kanaanis hoggantootni gareelee ofii isaaniin nama biraa bakka hin buusan taanaan hojii miseensota biroo hoggansa garee akka ta’an affeeruu akka hojjetu Feesbuuk beeksiseera.
  1. Seerotni tekinooloojii hubannoo namtolchee to’achuuf fayyadan jiraachuu qabu jechuun dhaabileen miidiyaa idil addunyaa fi waldaaleen heddu xalayaan barreessan. AP, AFP fi Getty Images dabalatee miidiyaaleefi waldaaleen garagaraa seera baaftotni biyyootaa seera bulmaataa tekinooloojii hubannoo namtolchee akka qopheessan gaafataniiru. Dhaabbileen tekinooloojii hubannoo namtolchee misoomsuu irratti bobba’an itti fayyadama odeeffannoo (data) dhaabbilee ilaalchisee miidiyaaleefi waldaalee waliin marii akka taasisan, qabiyyeewwan hubannoo namtolcheen hojjetaman akka beeksisan akkasumas odeeffannoo sobaafi loogii akka ittisan gaafataniiru.

Odeeffannoowwan torbee kana keessa dhiyeessinefi geessituuwwan Telegiraamaa isaanii:

–   Ergaa Wiixataa keenyaan mataduree ‘daangaan mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu maal ta’uu qaba?’ jedhuun barreeffama dhiyeessinee turre:

https://t.me/ethiopiacheck/2119

–   Xalayaa sobaa Humna Qilleensaa Itoophiyaaf kan barreeffame fakkeeffamee qophaa’es sakattaanerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2123

–   Suuraa ‘miseensota Raayyaa Ittisaa walitti bu’iinsa tibbana naannoo Amaaraatti uumamerratti booji’aman agarsiisa’ jechuun miidiyaalee hawaasaarratti qoodames qulqulleessineerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2124

–   Akkasumas suuraa ‘meeshaalee waraanaa tibbana hidhattoota Faannoorraa booji’aman agarsiisa’ jechuun qoodamaa ture qulqulleessuun Afaan Oromoo fi Amaariffaan gabaasa hojjenneerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2127

https://t.me/ethiopiacheck/2126

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::