TikTok dambiiwwan fi qajeelfamoota isaarratti fooyya’iinsa taasise

tekinooloojii

Bitooteessa 15, 2015

  1. Fayyadamtootni Tiwiitaraa baajii mirkaneessa abbummaa kanaan dura bilisaan fudhatan ALA Ebla 01, 2023 eegalee tajaajilicha argachuu kan hin dandeenye ta’uu dhaabbatni Tiwiitar har’a beeksisee jira. Akkaawuntiiwwan baajii cuquliisa qaban tajaajilichatti fayyadamuu itti fufuu kan fedhan yoo ta’e ji’a ji’aan kanfaltii raawwachuu akka qaban ibseera. Dhaabbileen immoo mallattoo mirkaneessa abbummaa keelloo fayyadamuuf ji’atti doolaara 1,000 kanfaluun fayyadamuu akka danda’an dhaabbatichi himeera. Akkasumas gurgurtaa baajii cuquliisa maamiltootasaa biyyoota hunda keessa jiraniif dhiyeessu akka jalqabes himeera.2. Dhaabbatni TikTok dambiiwwan fi qajeelfamoota isaarratti fooyya’iinsa taasisuu isaa kaleessa beeksiseera. Fooyya’insawwan taasifaman keessaayis qabiyyeewaan hubannoo namtolchee (AI) fayyadamuun hojjetaman barreeffama asoosama (fiction) ta’uu isaanii fayyadamtoota hubachiisu akka qabaatan gochuun isa tokkodha. Dabalataan akkaawuntiiwwan gosa irratti xiyyeeffachuun haasaa jibbiinsaa qoodan akka adabaman labseera. Kana malees odeeffannoowwan sobaa dhimma filannoon walqabatan ilaalchisee dhorkaawwan dabaltaa kaa’eera. TikTok dambiiwwan fi qajeelfamawwan fooyya’insichaan dabalaman kunneen ji’a tokko booda hojiirra ooluu akka eegalan beeksiseera.3. Tekinoloojiiwwan hubannoo namtolchee kan akka ChatGPT-4 gochaa odeeffannoo sobaa tamsaasuu hammaataaf (large scale disinformation) faayidaarra ooluu akka danda’an sodaa qabaachuu dhaabbatni ‘OpenAI’ beeksise. Hoji raawwachiisaa olaanaan dhaabbatichaa Saam Oltimaan gaafii fi deebii Televiziyoona ABC waliin taasisaniin irratti yaadoo isaanii kana ibsan. ChatGPT-4 tekinoloojii hubannoo namtolchee dhaabbata ‘OpenAI’ hojjete yemmuu ta’u tekinoloojii dandeettii qindeessuu fi deebii kennuu olaanaa qabudha.

    ️ Odeeffannoowwan torbee kana keessa dhiyeessine fi geessituuwwan Telegiraamaa isaanii:

    – Ergaa Wiixataa keenyaan walitti dhufeenya itti fayyadama miidiyaalee hawaasaa fi fayyaa sammuu keenyaa ilaalchisee Afaan Tigriffaan odeeffannoo qoodneerra: https://t.me/ethiopiacheck/1920

    – Odeefannoo gaazexeessaa Gurum Caalaatiin dhiyaates qulqulleessineerra: https://t.me/ethiopiacheck/1920

    – Odeeffannoo meeshaalee waraanaa gurguddaa gara naannoo Tigraay osoo imalanuu to’ataman jechuun dhiyaates qoranneerra: https://t.me/ethiopiacheck/1924

    https://t.me/ethiopiacheck/1925

    – Qacarrii Daandii Qilleensaa Itoophiyaan walqabatee deebii dhaabbatichi kenne isinif qoodneerra: https://t.me/ethiopiacheck/1930

    – Haasaa jibbiinsaa Yuutuubii irratti agarru akkamiin ’report’ gochuun akka danda’amurratti viidiyoo qopheessine isinif qoodneerra:
    https://t.me/ethiopiacheck/1929

    https://t.me/ethiopiacheck/1928

    https://t.me/ethiopiacheck/1927

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::