Tiwiitar dhaqabummaan tiwiitiiwwan haasaa jibbiinsaa qabanii dhibbeentaa 81n akka hir’atu gochuu beeksise

tekinooloojii

Adoolessa 07, 2015

  1. Gamtaan Awurooppaa seera wayita biyyoota miseensota gamtichaa keessatti hookkarri fi walitti bu’iinsi uumamutti tajaajila miidiyaa hawaasaa cufuu dandeesisu hojiirra oolchuuf akka ta’e himame. Seerri kun ji’a Hagayyaa bara kanaa eegalee hojiirra akka oolu Politikoon kan gabaase yemmuu ta’u, miidiyaaleen hawaasaa qabiyyeewwan jibbiinsaa kunneen akka ajjeechaa, konkolaataa gubuu fi kkf irratti tarkaanfii hin fudhannerratti tarkaanfiin ugguramuu akka fudhatamu gabaafameera. Seerri kun Tiwiitar fi TikTok dabalatee dhaabbilee tajaajila miidiyaa hawaasaa kennan 15 ni to’ata jedhamee akka eegamu Politikoon gabaasera.
  1. Tiwiitar dhaqabummaan (reach) tiwiitiiwwan haasaa jibbiinsaa qabanii dhibbeentaa 81n akka hir’atu gochuu danda’uusaa beeksise. Tiwiitiiwwan 700,000 irrattis mallattoo odeeffannoo jibbiinsaa qabaachusaanii agarsiisu maxxansuu isaas ibseera. Dhaabbatichi qabiyyeewwan haasaa jibbiinsaa ofirraa qaban haquurra dhaqabummaa isaanii hir’isuu irratti akka xiyyeeffatu ji’ootaan dura beeksisee ture. Hojimaata maqaan ‘Freedom of Speech Not Reach’ jedhu kennameef kanaan mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu osoo hin sarbin qabiyyeewwan miidhaa geesisuu danda’an hir’isuun akka danda’amu amantaa qabus ibsee ture.
  1. Yaa’iin Misooma Miidiyaa Idil-Addunyaa dhaadannoo ‘Odeeffannoo qulqullina qabu boruu fooyyeef’ jedhuun biyya Faransaay magaala Paarisitti adeemsifameera. Yaa’icharratti ogeeyyiin odeeffannoo qulqulleessuu fi gaazexeessitootni biyyoota 45 irraa walitti dhufanfi lakkoofsaan 300 ta’an hirmaataniiru. Itoophiyaa Cheekis yaa’icharratti hirmaatera. Yaa’icharratti miidhaa odeeffannoowwan sobaafi dogongoraa qaqqabsiisaa jiranfi furmaata isaanii akkasumas yaaddoofi abdii tekinooloojiin hubannoo nam-tolchee gama yaa’insa odeeffannootiin uume irrattis mari’atameera. Yaa’ii Adoolessa 05 bara 2015 eegalee adeemsifame kana kan qopheessanis Dhaabbata Misooma Miidiyaa CFI (CFI Media Development), Afriikaa Cheek, Arab Ripoortars for Investigeetiv Jornaalizim (ARIJ) fi AfriikTivistis (AfricTivistes) turan.

Odeeffannoowwan torbee kana keessa dhiyeessinefi geessituuwwan Telegiraamaa isaanii:

– Ergaa Wiixataa keenyaan qabiyyeewwan miidhaa geesisan fi gama moosaajiiwwan ergaa saffisaa daddabarsuuf tajaajilaniin qoodaman ilaalchisee barreeffama dhiyeessineerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2075

-Odeeffannoo Yunivarsiitiin Dabra Birhaan mummeewwan barnootaa Amaariffaa fi Seenaa cufuufi jechuun qoodame ilaalchisees odeeffannoo bal’aa dhiyessineerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2076

– Sadarkaa addunyaatti dabaluu lakkoofsa hojii dhabdootaa ilaalchisee odeeffannoo dogongoraa Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa yaa’ii Caffeerratti dubbatanis sakattaanerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2079

https://t.me/ethiopiacheck/2078

– Tajaajila Saafaarikom Itoophiyaa kan ta’e M-PESAn walqabatee odeeffannoowwan gochaa goyyomsuu miidiyaalee hawaasaarratti qoodamaa turanis saaxilleerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2080

-Tekinooloojii odeeffannoo sobaa adda baafachuuf nu gargaaru ilaalchisees barreeffama qoodnee jira:

https://t.me/ethiopiacheck/2082

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::