Uggura miidiyaalee hawaasaa Itoophiyaatti irra deddeebiin mul’achaa jiru

Guraandhala 13, 2015- Guraandhala 02 bara 2015 irraa eegalee Itoophiyaa keessatti miidiyaalee hawaasaa fi appilikeeshiniiwwan tajaajila ergaa saffisaa kennan tokko tokkos irratti uggurri kaa’amuun ni beekama.
Kanas dhaabbatni idil addunyaa adda citiinsa tajaajila intarneetii hordofu Neetbilooks (NetBlocks) kan mirkaneesse yemmuu ta’u, uggurri Itooophiyaa keessatti kaa’ames miidiyaalee hawaasaa kan akka Feesbuukii, Telegiraama, TikTok fi Feesbuuk Miseenjar kan of keessatti qabate ta’uu himeera.
Gochaan tajaajila maloota qunnamtii intarneetii fi dijitaalaa gutumaan guutuuttis ta’e gariin ugguruu mootummoota biyyoota garagaraan darbee darbee kan raawwatamu ta’us Itoophiyaa keessatti garuu irra deddeebiin kan mul’atudha.
Keessattuu yeroo hookkarri fi muddamni uumamutti taatee dursee tilmaamamu (predictable) ta’aa dhufeera.
Ragaan dhaabbata dhimmoota saayibarii hordofu Sarfshaark (Surfshark) akka agarsiisutti Itoophiyaa keessatti waggoota saddet darban keessatti gochaan tajaajila maloota qunnamtii intarneetaa fi dijitaalaa adda kutuu ykn ugguruu yoo xiqqaate al 11 raawwatamuu hima.
Kunis mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu fi odeeffannoo argachuu lammiilee kan sarbu yemmuu ta’u heera Itoophiyaa keewwata 29 irra kan kaayame “mirga ilaalcha fi yaada bilisaan qabachuu fi ibsachuu” jedhuun kan wal faallessudha.
Karaan lammiileen odeeffannoo dhugaa-qabeessa fi amanamaa ta’e ittiin argatan yemmuu cufamutti vaakiyuumiin odeeffannoo (Information vacuum) kan uumamu yemmuu ta’u kunis carraan lammiileen odeeffannoowwan sobaafii dogongoraaf, odeeffannoowwan dhugummaan isaanii hin mirkanoofne akkasumas jette jetteef saaxilamuuf qaban olaanaa akka ta’u taasisa. Kunis hawaasa keessatti burjaajii uumuun rakkoo tasgabbii kan hammeessudha.
Gochaa mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu fi odeeffannoo argachuu lammiilee sarbu kan ta’e maloota qunnamtii intarneetaa fi dijitaalaa ugguruu dhiisuun facaatii odeeffannoowwan sobaafii dogongoraa, odeeffannoowwan dhugummaan isaanii hin mirkanoofne fi jette jettee yaa ittisnu kan jedhu ergaa keenya har’aati.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::