Miidiyaa hawaasaa akka meeshaa haleellaatti fayyadamuu: miidhaawwansaa fi tarkaanfilee of eeggannoo
Caamsaa 07, 2015
Babal’achuu intarneetiin walqabatee miidiyaan hawaasaa dirree namootni hojii idilee ittiin hojjetan, kan itti baratan, odeeffannoo waqtaawoo kan ittiin argatan akkasumas meeshaa qunnamtii fi daldalaa ta’eera.
Kanaafis miidiyaan hawaasaa jireenya namootaa gama fooyyeessuun tekinoloojii gumaacha olaanaa taasisu ta’uu danda’eera.
Haa ta’u malee hanguma miidiyaan hawaasaa faayidaawwan kunneen argamsiisaa jiru madda rakkoo yemmuu ta’us baay’inaan mul’ata.
Miidiyaan hawaasaa waldhabdee, garaagarummaa, hookkaraa/jeequmsa akkasumas lubbuu darbuu lammiileef sababa yemmuu ta’u arguun Itoophiyaa dabalatee biyyoota biroo keessatti ni mul’ata.
Namootni dhuunfaan, gareeleen akkasumas dhaabbileen miidiyaalee hawaasaa akka meeshaa haleellaatti (weaponization of social media) yemmuu fayyadaman arguunis taatee irra deddeebiin mul’atu ta’eera.
Biyya keenya keessattis keessattuu waraana Kaaba biyyattii tureen walqabatee gareeleen waraanicha keessatti hirmaachaa turan garee isaan falmu hadhuuf meeshaa waraanaan cinatti miidiyaa hawaasaa fayyadamaa turaniiru.
Gareen inni tokko garee isa biraa irratti odeefannoowwan sobaa barreeffama, suuraa fi vidiyoon qixaa’an, haasaawwan jibbiinsaa fi duulawwan miidiyaa hawaasaa qindaa’an adeemsisaa turaniiru.
Gochaa kanaaf miidiyaaleen hawaasaa akka Feesbuukii, Tiwiitara fi bal’inaan dhimma itti bahamaa turaniiru.
Miidhaan sababa kanaan qaqqabe qorannoo of danda’e kan barbaadu ta’us miidhaan xinsammuu fi lubbuu namootaa akkasumas qabeenya lammiilee irratti qaqqabsiise salphaa akka hintaane ogeeyyiin fi dhaabbileen mirgoota namoomaaf falman himaa turaniiru.
Gama biraatiin miidiyaan hawaasaa hawaasa keessatti hookkara fi waldhibdee kaasuun alatti gareeleen shororkeessitootaa miseensota haaraa ittiin horachuuf faayidaarra akka oolchanis gabaasaaleen mootummootaa fi dhaabbilee idil addunyaa dhimmichi ilaallatu himaa turaniiru.
Akka addunyaattis miidhaan miidiyaalee hawaasaa akka meeshaa haleellaatti fayyadamuun qaqqabu danda’u yeroo gara yerootti caalaatti yaaddessaa ta’aa akka jirus ogeeyyiin himu.
Ogeeyyiin fi dhaabbileen falmitoota mirgoota namoomaa rakkoo miidiyaa hawaasaa haleellaaf fayyadamuun qaqqabsiisu ilaalchisee yaaddoo qabaniif sababoota garagaraa kaa’u.
Sababni inni duraa babal’achuu intarneetii fi saffisaan dabalaa jiraachuu lakkoofsa fayyadamtoota miidiyaalee hawaasaati.
Kunis haasaawwan jibbiinsaa fi odeeffannoowwan sobaa haala salphaa ta’en fi saffisaan namoota heddu bira akka gahan kan dandeesisu ta’uu isaati.
Sababni inni lammaffaan immoo gochaa miidiyaa hawaasaa akka meeshaa haleellaatti fayyadamuu to’achuun rakkisaa ta’uu isaati.
Lakkoofsi fayyadamtoota miidiyaa hawaasaa daran guddachuu isaatin fi kunneen miidiyaa hawaasaa gochaa hamaaf fayyadamanis maloota to’annoof rakkisoo ta’an fayyadamuun isaanii dhaabbilee miidiyaa hawaasaaf qoramaata ta’eera.
Kana malees akkaawuntiiwwan, fuulawwan fi chaanaliiwwan miidiyaale hawaasaa sobaa fi akkaawuntiiwwan miidiyaalee hawaasaa moosaajiin omishaman (bots) gochaa kanaaf faayidaarra oolun isaaniis rakkoo isa biraati.
Maaltu hojjetamuu qaba?
Miidhaawwan miidiyaa hawaasaa akka meeshaa haleellaatti fayyadamuun dhaqabbuu malan hambisuu keessatti hojiin ijoon hojii to’annooti.
Dhaabbileen miidiyaa hawaasaa maamiltootni isaanii gochaa kana keessatti akka hin irmaanneef imaammata fi seerota dirqisiisoo baasuufi haalaan hojiirra oolchuu akka qaban ogeeyyiin himu.
Kana malees odeeffannoowwan sobaa fi haasaawwan jibbiinsaa namoota fi gareelee haleeluuf afaanota garagaraan qoodaman sakatta’uun tarkaanfii fudhachuu qabu.
Hojiin ijoon inni biraan immoo hojii hubannoo uumuu fi hawaasa hubannoo itti fayyadama miidiyaa qabu uumuudha.
Kunis lammiileen maxxansawwan miidiyaa hawaasaa haleellaa, hookkara fi walitti bu’iinsa kakaasan salphaatti adda baafachuu akka danda’an fi gochaalee kunneen keessatti akka hin hirmaanneef dandeettii murteessuu akka qabaatan gochuu of keessatti qabata.
Hojiin hubannoo itti fayyadama miidiyaa lammiilee guddisuus tumsa mootummaa, dhaabbilee siiviilii, dhaabbilee miti mootummaa, miidiyaalee fi qaamolee dhimmichi ilaallatu kunneen biroon kan barbaadudha.
ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ
ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::