Daangaan mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu hagam ta’uu qaba?
Hagayya 01, 2015
Mirgi yaada ofii bilisaan ibsachuu dhimma faayida qabeessa ta’uunsaa itti amanamee waliigalteewwan idil addunyaa akkasumas heera biyyoota heddu keessatti hammatamedha.
Namootni mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu yemmuu fayyadaman sirni dimokiraasii ni dagaaga, itti gaafatamummaafi iftoominnis ni uumaama, kalaqafi guddinaaf karra bana akkasumas wal amantaafi nagaa fiduu keessattis shoora guddaa qaba.
Haa ta’u malee faayidaan mirgi yaada ofii bilisaan ibsachuu qabu ifatti kan beekamu ta’ullee, gaafiin “daangaan isaa hanga eessaati?” jedhu falmisiisaa ta’ee tureera.
Dhimma kana ilaalchisee kitaabileen heddu barreeffamaniiru, falmiiwwan adeemsifamaniiru akkasumas waraqaaleen qo’annoo maxxanfamaniiru.
Keessattuu waggoota muraasaa as babal’achuu intarneetaafi miidiyaalee hawaasaan walqabatee baay’achuun odeeffannoowwan sobaafi dogongoraa, odeeffannoowwan dhugummaan isaanii hin mirkanoofnee (conspiracy theories) akkasumas haasaawwan jibbiinsaa gaafichi bal’inaan akka ka’u taasiseera.
Miidhaan odeeffannoowwan sobaafi dogongoraa, odeeffannoowwan dhugummaan isaanii hin mirkanoofnee akkasumas haasaawwan jibbiinsaa geesisaa jiran irraa kan ka’es qaamoleen tokko tokko ‘daangaan mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu ifatti sararamuu qaba’ jechuun yaada isaanii yemmuu ibsatan dhagahama. Qaamoleen kunneen qabiyyeewwan miidhaa geesisan adda baasuun ramaduun ni danda’ama jechuunis mormu.
Haa ta’u malee yaada kanatti qabachuun sochiiwwan mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu sarbuuf taasifamanis ni mul’atu. Akka fakkeenyaattis seerota maqaa miidhaa odeeffannoowwan sobaafi dogongoraa qaqqabsiisan ittisuufi jedhuun ragga’an garuummoo mirgoota namoomaa ukkamsuuf faayidaarra oolan eeruun ni danda’ama.
Gama biraatiin dhaadhessitootni mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu qeeqa facaatii odeeffannoowwan miidhaa geesisaniin walqabatee irratti ka’uuf, ‘mirgi yaada ofii bilisaan ibsachuu daangaa qabaachuu hinqabu’ jechuun mormu.
Sochiin daangaa mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu akka fedhanitti bal’isuufi dhiphisuu kun rakkoo gama facaatii odeeffannoo sobaafi dogongoraan jiru akka hin hammeessine namootni heeddu sodaa isaanii yeroo ibsatan mul’ata.
Kanaafis miidhaa odeeffannoowwan sobaafi dogongoraa, odeeffannoowwan dhugummaan isaanii hin mirkanoofnee akkasumas haasaawwan jibbiinsaa geesisan hir’isuuf daangicha akka fedhanitti dhiphisuufi bal’isuu osoo hintaane sababa irratti hundaa’uun daangessuun jijjiirama barbaadamu fiduuf gargaara.
Kana malees mirgi yaada ofii bilisaan ibsachuu daangaa hinqabne miidhaa cimaa geesisuu akka malu hubachuun mirga kana daangaa itti gochuun barbaachisaadha jenna.
ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ
ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::