Suuraan kun meeshaalee waraanaa tibbana WBOn aanaa Jalduutti booji’aman hin agarsiisu

Wrong image of weapons allegedly seized in Oromia

Caamsaa 01, 2015

Suuraan kun meeshaalee waraanaa tibbana WBOn aanaa Jalduutti booji’aman hin agarsiisu

Fuulli Feesbuukii maqaa ‘Abdataa Shurrubbe’ jedhu qabu suuraan kun meeshaalee waraanaa Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan Shanee jedhuun tibbana booji’aman akka ta’an eeruun qoodee jira.

Meeshaan kun kan booji’ames aanaa Jalduu ganda Osolee jedhamu keessatti akka ta’e kan barreesse yemmuu ta’u, odeeffannoo kana fayyadamtootni miidiyaa hawaasaa Feesbuukii 30 ta’an deebisanii qoodaniiru.

Fuula Feesbuukii ‘Abdataa Shurrubbe’ malee fuulawwan fi akkaawuntiiwwan Feesbuukii biroos suuraa kana odeeffannoo walfakkaataa waliin akka qoodan ilaallee jirra.

Sakattaa Itoophiyaa Cheek suuraa kana irratti taasiseen suurichi guyyoota muraasa darban keessatti kan kaafame akka hintaane mirkaneessera.

Suurichi ji’oota lamaan dura marsaalee hawaasaa fi marsariitiiwwan garagaraa irratti qoodamee akka tures ilaallee jirra.

Kunneen keessaa marsariitiin qbo-abo-wbo.org jedhamu oduu Guraandhala 09, 2023 maxxansserratti (https://qbo-abo-wbo.org/2023/02/09/gootichi-waraana-bilisummaa-oromoo-zoonii-kibbaa-tarkaanfii-laalessaa-diina-irratti-fudhachuu-beeksise/ ) suuricha fayyadamee ture.

Suuraawwan maddoota odeeffannoo amanamoo hintaaneen qoodaman odeeffannoowwan sobaa fi dogongoraaf nu saaxiluu waan danda’aniif amanuufi deebisnee qooduu keenyaan dura sirrii ta’u isaanii yaa mirkaneeffannu.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::