Yaaddoo facaatii odeeffannoo sobaa fakkiiwwan tekinoloojii hubannoo namtolcheen hojjetaman uuman

Yaaddoo facaatii odeeffannoo sobaa fakkiiwwan tekinoloojii hubannoo namtolcheen hojjetaman uuman

Ebla 10, 2015

Jabanni keessa jirru jabana hubannoo namtolcheeti. Kanaaf immoo dhuma bara darbee irraa eegalee faayidaarra oolaa kan jiru ChatGPT akkaasumas faayidaarra ooluu erga eegalee kan bubbule tekinoloojiin ‘deepfake’ agarsiistuudha.

Tekinoloojiiwwan kunneen suur-sagalee namootaa akkeessuuf baay’inaan faayidaarra oolaa turaniiru.

Amma immoo suuraawwan tekinoloojiiwwan hubannoo namtolchee Midjarnii (Midjourney), Dall-E akkasumas Deep AI jedhamaniin hojjetaman miidiyaalee hawaasaa irratti bal’inaan mul’achaa jiru.

Namni tajaajila intarneetii qabu kamiyyuu tekinoloojiiwwan kunneen ilaaluu fi haala salphaa ta’een fayyadamuu danda’a.

Daqiiqaawwan muraasa keessattis fakkiiwwan suuraa sirrii fakkaatan uumuu danda’a.

Hundeessaa Opiyaan Anaaliitiks kan ta’e Zalaalam Gizaachaw, Midjarniin maloota kalaqaa (creative methods) kan fayyadamu fi tekinoloojiiwwan namtolchee reefu faayidaarra oolaa jiran keessaa tokko ta’uu hima.

Kunis tekinoloojiiwwan kana dura faayidaarra oolaa turanfii wantoota akka mukaa, gamoo, saree fi kkf adda baasanii akka beekaniif leenji’an fi ‘facial recognition’ jedhamanirra caalmaatti kan fooyya’e fi dagaage akka ta’e hima.

“Tekinoloojiin yemmuu guddachaa deemu ‘garagalchuu hin dandeenyuu?’ jechuun ka’an. Kana jechuunis barreeffama muuzii jedhu yoo laanneef fakkii muuzii kaasuu danda’aa, barreeffama gamoo jedhu yoo laanneef fakkii gamoo kaasuu danda’aa kan jedhura gahameera” jedha.

Takinoloojiiwwan akka Midjarnii (Midjourney) mala gabbisa aartii (Generative Art) fayyadamuun ajaja barreeffamaan kennameef gara fakkiitti kan jijjiiranidha.

Zalaalam waan kana yeroo ibsu, “nama ‘qocaa magariisa naaf kaasi’ jedhee ajajuuf hubannoon namtolchee Midjarnii qocaan maala akka ta’e ni beeka, halluus ni beeka, kanaaf giraafiksii kompiitaraatti fayyadamuun fakkii qocaa halluu magariisa qabu kaasa jechuudha” jedha.

Tekinoloojiiwwan hubannoo namtolchee kunneen sadarkaa guddinaa dhalli namaa irra gahe kan agarsiisan ta’anillee yaaddoon isaan uumanillee guddaa ta’uu ogeeyyiin tokko tokko ni himu.

Kunis tekonoloojiiwwan kunneen harka namoota heddu galuun isaanii carraan odeeffannoo sobaaf saaxilamuu keenya akka guddatu kan taasisudha kan jedhudha.

Akka fakkeenyaattis ji’a Guraandhala darbe fakkiin Midjarniin hojjetamefii pirezidaantii Ameerikaa kan turan Donaald Tiraamp hidhamuu isaanii agarsiisu mataduree haasaa ta’ee ture.

Torbee darbe keessammoo Awustiraaliyaatti kantiibaa magaala Hepbarn kan ta’an Biriyaan Hud tekinoloojii waa’ee isaanii odeeffannoo sobaa qoode jedhame ChatGPT himachuuf dhaadataniiru.

Odeeffannoowwan ChatGPT waa’ee kantiibichaa ilaalchisee qoodu keessaa inni tokko odeeffannoo dogongoraa kantiibichi waggoota dura yakka mattahaa fudhachuun himatamanii hidhaaf saaxilamanii turan jedhudha.

Hundeessaa Opiyaan Anaaliitiks kan ta’e Zalaalam yeroo ammaatti tekinoloojiiwwan hubannoo namtolchee ajaja barreeffamaan kennameef gara sagaleetti jijjiiran akkasumas wantoota socho’an hojjechuu danda’an hojjetamaa jiraachuu turtii Itoophiyaa Cheek walin taasiserratti himeera.

Gama biraatiin ogeessa aartii mul’ataa kan ta’e Biniyaam Wandimaagany namoota fakkiiwwan garagaraa kaasuuf Midjarnii fayyadamaa jiran keessaa tokkodha.

“Hojiileen tekinoloojiiwwan akka Midjarniin hojjetamaa jiran miidiyaaleef akkasumas namoota hojii odeeffannoo qulqulleessuu hojjetaniif qormaata kan ta’an natti fakkaata” jedha Biniyaam.

“Sababnisaas yeroo ammaatti wanta agarru mara amanuu hin dandeenyu. Fakkeenyaaf ‘deepfake’ fayyadamuun nama barbaadde ergaa barbaadde akka dabarsetti fakkeessuu dandeessa. Haala kanaanis odeeffannoo dogongoraa tamsaasa” jedha.

Odeeffannoon dhuunfaa baay’ee keenyaa intarneetiirra (online) kan jiru ta’uu isaatiin tekinoloojichi odeeffannoo kunneen walitti qabuun odeeffannoo dogongoraa qopheessuu fi tamsaasuu kan danda’u ta’uusaa hima.

Tekinoloojiin Midjarnii haaraa ta’uu isaatiin odeeffannoo sobaafii dogongoraa gama tamsaasuutiin rakkoo baay’ee uumuu akka danda’u kan himu Zalaalam kaayyoon tekinoloojichaa garuu kana akka hintaane hubachuun akka barbaachisu dubbata.

“Haala Midjarnii fi Dall-E faayidaarra itti oolan yoo ilaalle baay’inaan hojii aartiif faayidaarra oolu. Dizaayinii giraafiksii irrattimmoo jijjiirama guddaa fidaa jiru. Namootni fakkii kaasuu hin dandeenye garuummoo yaada cimaa qaban fakkiiwwan ajaa’ibsiisoo kaasuuf itti fayyadamaa jiru” jedha.

Haa ta’u malee miidhaa tekinoloojiiwwan kunneen gama odeeffannoo sobaa tamsaasuun qabanif akka hin saaxilamneef of eeggannoo gochuun akka barbaachisu ogeeyyiin himu.

Namootni suuraa/fakkiiwwan namoota beekamoo shakkisiisoo ta’an yemmuu arganitti dhugummaa isaanii miidiyaalee ykn maddoota odeeffannoo amanamoo ta’an kunneen biroo irraa mirkaneeffachuu akka qabanis himu.

Kana malees marsariitiiwwan suuraan ykn fakkiin tokko kanaan dura eenyuun, eessatti fi maalif faayidaarra akka oole baruuf nu gargaaran kan akka Reverse image search, Tineye, Yandex fi kkf fayyadamuunis filannoo isa biraati.

Muudaan guddaan suuraawwan/fakkiiwwan tekinoloojiiwwan akka Midjarnii fi Dall-E fayyadamuun hojjetamanii harkarra waan ta’eef naannoo harkaa suurichaa/fakkiichaa ilaaluunis faayidaa qabeessa.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::