Yaaddoo hubannoon namtolchee (AI) gama miidiyaa hawaasaan uumefi maloota of eeggannoo

Concerns raised by digital attacks and preventive measures to be taken

Adoolessa 10, 2015

Tekinooloojiin hubannoo namtolchee (Artificial Intelligence) mala kompiitaroonni akka namaatti akka dalaganiif itti leenji’an yemmuu ta’u gosa fi sadarkaalee garagaraas qaba.

Tekinooloojiin kun dameelee adda addaa keessatti bu’aa argamsiisaa kan jiru yemmuu ta’u, itti fayyadamni isaa miidiyaalee hawaasaa irraa garuu yaaddoo yookiin sodaa uumuu isaa ogeeyyiin himu.

Waggoota muraasaa as miidiyaalee hawaasaa irratti itti fayyadamni hubannoo namtolchee daran dabaleera.

Dhaabbileen miidiyaa hawaasaa qabiyyeewwan miidhaa geesisan ittiin to’achuuf fi tarkaanfii fudhachuuf tekinooloojii hubannoo namtolchee baay’inaan faayyadamaa jiru.

Kana malees dhaqabummaa qabiyyeewwanfi beeksisawwanii gama qixeessuutiinis tekinoloojichi tajaajila guddaa kennaa jira.

Gama biraatiin fayyadamtootni miidiyaalee hawaasaa qabiyyeewwan miidiyaalee hawaasaa kan akka hojiilee aartii, barreeffamoota, viidiyoowwanfi sagalee namtolchee hojjechuuf hubannoo namtolcheetti bal’inaan fayyadamu.

Itoophiyaa keessattis fayyadamtootni miidiyaalee hawaasaa hubannoo namtolcheetti fayyadamuun viidiyoowwan irratti qabiyyeewwan gulaallii (effects) garagaraa yemmuu ida’an, barreeffamoota hubannoo namtolcheen barreeffaman yemmuu qoodan akkasumas tekinooloojichatti fayyadamuun suuraalee gulaaluu (edit gochuun) marsaalee hawaasaarratti yemmuu qoodan ni mul’ata.

Haa ta’u malee tekinooloojiin kun yaaddoo babal’achuu tamsa’ina odeeffannoo sobaa uumee jira.

Barreeffamootni, suuraalee fi viidiyoowwan hubannoo namtolcheetti fayyadamuun omishamanfi sirrii fakkaatan garuummoo dogongoraa ta’an fayyadamtoota miidiyaalee hawaasaa odeeffannoo sobaaf yemmuu saaxilan mul’ata.

Kana malees odeeffannoowwan dogongoraa hubannoo namtolcheetti fayyadamuun omishamanii miidiyaalee hawaasaarratti qoodaman namootni dhimmoota ijoo kan akka fayyaa irratti hubannoo dogongoraa akka qabaatan fi murtee dogongoraa akka murteessan taasisuus danda’u.

Kana malees tekinooloojichi gama eegumsa odeeffannoo dhuunfaa fayyadamtootaatinis yaaddoo uumee jira.

Fakkeenyaaf moosaajiin suuraa gulaaluuf fayyadamnu tokko suuraa keenya qama biraatiif dabarsee kennuun dabalataan, suurichi eessatti akka kaafame, odeeffannoowwan waa’ee bilbila keenyaa, neetworkii fayyadamaa jirru, akkasumas sochii keenya onlaayinii (online activity) salphaatti argachuu danda’a.

Kana malees maqaafi bara dhalootaa keenya dabalatee odeeffannoowwan mateenyaa keenya salphaatti kuufachuu danda’a.

Kanaafis fayyadamtootni miidiyaalee hawaasaa miidhaa gama tekinooloojii hubannoo namtolcheen irratti qaqqabuu danda’u ofirraa ittisuuf tarkaanfilee garagaraa akka fudhatan ogeeyyiin gorsu.

Tarkaanfilee of eeggannoo kunneen keessaa muraasni:

  • Odeeffannoowwan miidiyaalee hawaasaarratti qoodaman mara sirriidha jennee amannee ofitti fudhachuufi deebisnee qooduu keenyaan dura sirrii ta’uu isaanii mirkaneeffachuu.
  • Suuraalee fi viidiyoowwan shakkisiisoo marsariitiiwwanfi moosaajiiwwan akka Google reverse image search, Yandex, FotoForensics fi InVID fayyadamuun sakatta’uu
  • Moosaajii farra vaayirasii (anti- virus software) meeshaalee elektirooniksii akka kompiitaraafi bilbila keenyarratti fe’uu
  • Akkaawuntiiwwan miidiyaalee hawaasaa garagaraaf koodii icciitii (password) garagaraa fayyadamuufi koodiiwwan icciitii kunneen namoota biroof qooduu dhiisuu
  • Faayilawwan fi geessituuwwan maddoota amanamoo irraa nutti ergaman qofa banuu
  • Moosaajii tokko bilbila yookiin kompiitara keenyarratti fe’uu keenyaan dura imaammata mateenyaasaa dubbisuufi hubachuu

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::