Yuutuubiin qabiyyee uumtota imaammatawwansaa cabsaniif leenjii kennuu eegaluuf akka ta’e beeksise

META removed the official Facebook pages of General Mohamed Dagalo and the Rapid Force

Hagayya 26, 2015

  1. Guugil moosaajii suuraalee hubannoo namtolcheen hojjetaman adda baasuu danda’u hojiitti galchuuf yaalii taasisuu eegaluunsaa himame. Gabaasni Za Sarj akka agarsiisutti moosaajiin maqaan ‘SynthID’ jedhamu kennameef kun suuraalee hubannoo namtolcheen hojjetaman salphaatti adda baasuu danda’a jedhamuun abdiin irra kaayameera. Moosaajichi suuraawwan tekonooloojii hubannoo namtolcheetti fayyadamuun Guugiliin hojjetamanfi ‘Imagen’ jedhaman adda baasuun hojiisaa akka eegalus himameera.
  1. Yuutuubiin qabiyyee uumtota imaammatawwanfi duudhaalee isaa cabsaniif leenjii kennuu eegaluuf akka ta’e himame. Qabiyyee uumtotni lenjicha fudhatanis kunneen imaammata Yuutuubii cabsanfi akeekkachiisni kennameefidha. Leenjichi maalif akeekkachiisni akka kennameef kan hubachiisu yemmuu ta’u, naamusa qabiyyee uumtotaa gabbisuufi lakkoofsa chaanaliiwwan cufamanii xiqqeessuu kan kaayyeffate akka ta’es himameera.
  1. TikTok akkaawuntiiwwan odeeffannoo sobaa bifa qindaa’een tamsaasaa turan jedhe 284 ugguruusaa miidiyaaleen idil addunyaa gabaasaa jiru. Teessoon akkaawuntiiwwan kunneenii Chaayinaa akka ta’e kan gabaafame yemmuu ta’u, tarkaanfiin TikTok akkaawuntiiwwan Chaayinaa irratti fudhate kun kan hin baramnedha jedhameera.

Odeeffannoowwan torbee kana keessa dhiyeessinefi geessituuwwan Telegiraamaa isaanii:

– Ergaa Wiixataa keenyaan qabiyyeewwan hammaatoo miidiyaalee hawaasaa irratti qoodaman ilaalchisee barreeffama hubannoo uumu maxxansineerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2156

– Suuraawwan walitti bu’iinsa magaalaa Dabrataabor keessatti uumame agarsiisu jechuun qoodamanis sakattaanerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2157

– Haaluma wal fakkaatuun suuraalee xayyaarota magaalaa Dabra Maarqositti booji’aman agarsiisu jedhamuun qoodamanis sakattaanerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2158

– Viidiyoo dubartootaa Itoophiyaa keessatti gurgurtaaf dhiyaatan agarsiisa jechuun qoodames qoranneerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2161

https://t.me/ethiopiacheck/2162

https://t.me/ethiopiacheck/2163

– Xalayaa Kongirasiin Federaalawaa Oromoo Obbo Baqqalaa Garbaaf barreesse jechuun miidiyaa hawaasaarratti qoodamaa tures sakattaanerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2165